1“Bara sana keessa, yeroo sanatti,ani yommuun boojuu Yihuudaatii fiYerusaalem deebisutti,2saboota hunda walitti qabeengara Sulula Yehooshaafaaxittigad isaan nan buusa.Anis achitti sababii dhaala koo,sababii Israaʼeliif isaanitti nan mura;isaan saboota gidduutti saba koobittinneessanii biyya koos gargar qooddataniiruutii.3Isaan uummata kootti ixaa buufataniiijoollee dhiiraas sagaagalummaatti geeddarataniiru;akka dhuganiif dubara illee daadhii wayiniitti gurguratan.4“Yaa Xiiroosii fi Siidoonaa, isin kutaaleen Filisxeem hundinuu, amma maal narraa qabdu? Isin waan ani godheef haaloo na baafachaa jirtuu? Yoo isin haaloo na baafachaa jirtu taʼe ani dafee ariitiidhaan waan isin hojjettan sana matuma keessanittin deebisa.5Isin meetii fi warqee koo guurrattanii qabeenya koo filatamaas mana waaqeffannaa keessanitti geeffattaniirtuutii.6Isin biyya isaanii irraa isaan fageessitanii uummata Yihuudaatii fi Yerusaalem Giriikotatti gurgurattan.7“Kunoo, ani biyya isin itti isaan gurgurattan keessaa isaan baasee waan isin hojjettan sana matuma keessanitti nan deebisa.8Ani ilmaanii fi intallan keessan saba Yihuudaatti nan gurgura; isaan immoo saba fagoo jiru kan Saabaa jedhamutti dabarsanii isaan gurguratu.” Waaqayyo dubbateeraatii.9Waan kana saboota gidduutti labsaa:Waraanaaf qophaaʼaa!Gootota kakaasaa!Loltoonni hundi dhiʼaatanii haa lolan.10Maarashaa keessan tumaatii goraadee godhadhaa;haamtuu keessanis tumaatii eeboo godhadhaa.Namni laafaan,“Ani jabaa dha!” haa jedhu.11Isin saboonni qixa hundaan dafaa kottaattiiachitti walitti qabamaa.Yaa Waaqayyo, loltoota kee gad ergi!12“Saboonni haa kaʼan;isaan dafanii gara Sulula Yehooshaafaax haa dhufan;ani saboota gama hundaan jiranitti muruufachi nan taaʼaatii.13Midhaan gaʼeeraatiihaamtuu itti kaaʼaa.Kottaatii ija wayinii dhidhiitaa;boolli itti wayinii cuunfan guuteeraatii;sababii hamminni isaanii guddaa taʼeefboolli itti wayinii cuunfan guutee irra dhangalaʼeera!”14Waldaan guddaan, waldaan nama baayʼeesulula murtii keessatti wal gaʼeera!Guyyaan Waaqayyoosulula murtii keessatti dhufuu gaʼeeraatii.15Biiftuu fi addeessi ni dukkanaaʼu;urjiiwwanis siʼachi ifa hin kennan.16Waaqayyo Xiyoon irraa ni iyya;Yerusaalem keessaas sagalee dhageessisa;lafaa fi samiin ni raafamu.Waaqayyo garuu saba isaatiif iddoo itti baqatan,saba Israaʼeliif immoo daʼoo ni taʼa.
Eebba Saba Waaqaatiif kenname
17“Ergasii isin akka ani Waaqayyo Waaqni keessan Xiyoon keessa,gaara koo qulqulluu sana irra jiraadhu ni beektu.Yerusaalem qulqulluu taati;namoonni biyya alaa gonkumaa lammata ishee hin weeraran.18“Gaafas tulluuwwan daadhii wayinii haaraa ni coccobsu;gaarranis aannan yaasu;lageen Yihuudaa hundinuu bishaaniin guutamu.Burqaan tokko mana Waaqayyoo keessaaburqee sulula Shixiim ni obaasa.19Gibxi garuu ni onti;Edoomis duwwaa hafti;isaan dhiiga nama yakka hin qabneebiyyattii keessatti dhangalaasuudhaansaba Yihuudaatti daba hojjetaniiruutii.20Yihuudaan bara baraan,Yerusaalemis dhaloota hundaaf iddoo jireenyaa ni taati.21Ani dhiiga isaanii kan yakka hin qabne sanautuun haaloo hin baʼin nan dhiisaa?Lakkii, hin dhiisu.”Waaqayyo Xiyoon keessa jiraata!