Iyyoob
32
/
gaz_bib
Eeliihuu
1
Sababii Iyyoob nama qajeelaa of seʼeef namoonni sadan kunneen deebii kennuufii dhiisan.
2
Eliihuun ilmi Barakeel Buuzichi maatiin Raamii sun garuu sababii Iyyoob qooda Waaqaa qajeelaa of godheef akka malee itti aare.
3
Akkasumas sababii isaan Iyyoobitti muruu malee deebii hin qabaatiniif Eeliihuun michoota Iyyoob sadanitti akka malee aare.
4
Eliihuun waan namoonni sun umuriidhaan isa caalaniif utuu dursee Iyyoobitti hin dubbatin ture.
5
Garuu yeroo akka namoonni sun sadan waan dubbatan dhaban argetti aariin isaa ittuma caale.
6
Kanaafuu Eliihuun ilmi Barakeel Buuzichaa sun akkana jedhe:
“Ani umuriidhaan xinnaa dha;
isin garuu jaarsolii dha;
kanaafuu ani yaada koo isinitti himuu
nan saalfadhe; nan sodaadhes.
7
Ani, ‘Umuriin ni dubbata;
barri dheeraanis ogummaa barsiisa’ jedhee yaadeen ture.
8
Garuu hafuura nama keessa jiru,
hafuura Waaqni Waan Hunda Dandaʼu itti baafatutu hubannaa kennaaf.
9
Ogeessi jaarsa qofa miti;
kan waan qajeelaa hubatus, nama umurii dheeraa qofa miti.
10
“Kanaafuu ani akkana nan jedhaa na dhaggeeffadhaa;
anis waanan beeku isinitti nan hima.
11
Ani yeroo isin dubbattan nan obse;
yeroo isin jechoota filattanitti illee
ani dubbii ogummaa kan isin dubbattan nan dhaggeeffadhe;
12
ani qalbeeffadheen isin dhagaʼe.
Garuu isin keessaa namni tokko iyyuu akka inni dogoggoreIyyoobin hin amansiifne;
namni tokko iyyuu falmii isaatiif deebii hin kennine.
13
Isin, ‘Nu ogummaa arganneerra;
nama utuu hin taʼin, Waaqni isa irra haa aanu’ hin jedhinaa.
14
Iyyoob garuu dubbii isaatiin na hin tuqne;
anis falmii keessaniin deebii isaaf hin kennu.
15
“Isaan abdii kutatanii waan jedhan dhaban;
dubbiinis isaan harkaa badde.
16
Erga isaan calʼisanii,
erga isaan deebii kennan tokko illee dhabanii achi dhadhaabatanii,ani eeguun qabaa?
17
Ani deebii koo nan kenna;
waanan beeku nan hima.
18
Dubbiin na keessa guuteeraatii;
hafuurri na keessa jirus na kakaasa;
19
garaan koo akkuma daadhii wayinii kan qadaadamee,
akkuma qalqalloo daadhii wayinii haaraa dhoʼuun gaʼeetii.
20
Ani dubbadhee qabbaneeffachuun qaba;
afaan koo banadhees deebii kennuun qaba.
21
Ani nama wal hin caalchisu;
yookaan nama tokko iyyuu hin saadu.
22
Utuu ani nama saaduu beekee,
Uumaan koo silaa dafee lafa irraa na balleessa ture.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter