Iyyoob
18
/
gaz_bib
Bildaad
1
Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise:
2
“Isin haasaa kana yoom fixxu?
Mee qalbeeffadhaa; ergasii dubbachuu dandeenya.
3
Nu maaliif akka looniitti hedamna?
Maaliifis fuula kee duratti akka gowwaatti ilaalamna?
4
Ati kan aariidhaan of ciccirtu,
lafti sababii keetiif duwwaatti haftii?
Yookaan kattaan iddoo isaatii ni buqqifamaa?
5
“Ibsaan nama hamaa ni dhaama;
arrabni ibidda isaa ifa hin kennu.
6
Ifni dunkaana isaa keessaa ni dukkanaaʼa;
ibsaan isa bira jirus ni dhaama.
7
Jabinni tarkaanfii isaa ni dadhaba;
malli isaas isuma kuffisa.
8
Miilli isaa kiyyoo keessa isa buusa;
inni boolla kiyyeeffame irra ni joora.
9
Kiyyoon kottee isaa qaba;
futtaasaanis jabeessee isa qaba.
10
Lafa irra funyoon isaaf dhokfameera;
karaa isaa irras kiyyoon kaaʼameera.
11
Naasuun karaa hundaan isa sodaachisa;
faana isaa buʼees isa ariʼa.
12
Badiisni afaan itti banateera;
balaanis qophaaʼee jiguu isaa eeggata.
13
Gogaan isaa dhukkubaan nyaatamee dhuma;
ilmi duʼaa hangaftichi harkaa fi miilla isaa nyaata.
14
Inni dunkaana abdate keessaa buqqifamee
gara mootii sodaatti geeffama.
15
Waan kan isaa hin taʼinis dunkaana isaa keessa jiraata;
dinyiin bobaʼus iddoo inni jiraatu irra faffacaʼa.
16
Jalaan hiddi isaa ni goga;
irraan immoo dameen isaa ni coollaga.
17
Yaadannoon isaa lafa irraa ni bada;
maqaan isaas lafa irraa ni dhabama.
18
Inni ifa keessaa gara dukkanaatti darbatama;
addunyaa irraas ni dhabama.
19
Inni saba isaa gidduutti ijoollee yookaan sanyii,
biyya duraan jiraate keessatti hambaa hin qabaatu.
20
Namoonni dhiʼaa waaʼee isaa dhagaʼanii rifatu;
warri baʼaas sodaadhaan guutamu.
21
Iddoon jireenya nama hamaa, dhugumaan akkana taʼa;
iddoon nama Waaqa hin beeknees kanuma taʼa.”
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter