Iyyoob16gaz_bib

Iyyoob

1Iyyoobis akkana jedhee deebise:2“Ani waan akkanaa baayʼee dhagaʼeera;hundi keessan jajjabeessitoota nama dhiphistanii dha!3Haasaan faayidaa hin qabne kun hin dhumuu?Wanni akka ati oduu dheeressituuf si tuttuqu maali?4Utuu isin iddoo koo jiraattaniisilaa ani akkuma keessan kana nan dubbadha ture;dubbii miʼooftuu dubbachuudhaanismataa koo isinitti nan raasan ture.5Ani afaan kootiin isin jajjabeesseegorsi arraba kootiis qabbana isinii kenna ture.
6“Yoo ani dubbadhe dhukkubni koo natti hin wayyaaʼu;cal jedhus na hin dhiisu.7Yaa Waaqi, ati dhugumaan na dadhabsiifteerta;warra mana koo jiru hundas balleessiteerta.8Ati na kokotteessite; kunis ragaa natti taʼe;akka malee huqqachuun koos ifatti baʼee na saaxile.9Waaqni dheekkamsa isaatiin rukutee na ciccire;ilkaan isaa natti qarate;diinni koo ija isaa natti babaase.10Namoonni natti qoosuuf afaan banatan;tuffiidhaan maddii koo kabalan;tokko taʼanii natti kaʼan.11Waaqnis dabarsee hamootatti na kenne;harka jalʼootaa keessas na buuse.12Ani nagaan jiraachaan ture; inni garuu na burkuteesse;morma na qabee na caccabse.Xiyyeeffannaa isaas na godhate;13loltoonni isaa warri xiyyaan lolan na marsu.Inni gara laafina malee kalee koo waraaneehadhooftuu koo illee lafatti gad jigse.14Inni ammumaa amma na caccabsa;akkuma loltuu tokkootti natti fiiga.
15“Ani gogaa kootti uffata gaddaa hodhadheera;gaanfa koos biyyoo keessatti awwaaleera.16Fuulli koo booʼichaan diimateera;dukkanni limixiinis ija koo irra buʼeera.17Taʼus harki koo yakka tokko illee hin hojjenne;kadhannaan koos qulqulluu dha.
18“Yaa lafa, ati dhiiga koo hin dhoksin;akka iyyi koo iddoo boqonnaa argatus hin godhin!19Amma iyyuu dhuga baʼaan koo samii irra jira;abukaattoon koos ol gubbaa jira.20Michoonni koo na tuffatu;iji koos imimmaan gara Waaqaatti facaasa;21akkuma namni michuu isaatiif kadhatu sanautuu namni Waaqa kadhatu namaaf jiraatee!
22“Waggoota xinnoo booddee,ani gara deemanii deebiʼuun hin jirre nan deema.