Ermiyaas8gaz_bib
1“ ‘Bara sana lafeen moototaatii fi qondaaltota Yihuudaa, lafeen lubootaatii fi raajotaa, lafeen namoota Yerusaalem awwaala isaanii keessaa ni baafama’ jedha Waaqayyo.2‘Isaan fuula aduu fi jiʼaa duratti, fuula guutummaa urjiiwwan samii hundaa, kanneen jaallatanii fi tajaajilanii, kanneen faana buʼanii gorsa gaafatanii fi waaqeffatan sanaa duratti ni saaxilamu. Isaan akkuma kosii lafatti gatamee taʼan malee walitti hin qabaman yookaan hin awwaalaman.3Hambaan saba hamaa kanaa hundi lafa ani itti isaan ariʼu hundatti jireenya irra duʼa filata’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.