Ermiyaas6gaz_bib

Yerusaalem Marfamte

1“Yaa saba Beniyaam baqadhaa baʼaa!Yerusaalem keessaa baqadhaa!Teqooʼaa keessatti malakata afuufaa!Beet Hakerem irratti mallattoo ol qabaa!Karaa kaabaatiin balaan,badiisni suukaneessaan ni dhufaatii.2Ani Intala Xiyoon ishee bareedduu fiqananiituu sana nan galaafadha.3Tiksoonni bushaayee isaanii fudhatanii isheetti dhufu;dunkaana isaaniis isheetti naannessanii dhaabatu.Tokkoon tokkoon isaaniis iddoo isaaniitti bobbaafatu.”
4“Isheetti waraana kaasuuf qophaaʼaa!Kaʼaa, guyyaa saafaadhaan ishee waraanaa!Wayyoo, aduun dhiʼaa jirti;gaaddisni galgalaas dheerateera.5Kanaafuu kaʼaa, halkaniin ishee dhoofneedaʼannoowwan ishee barbadeessinaa!”6Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha;“Mukkeen ishee ciraa;naannoo Yerusaalemitti tuulaa biyyoo tolchaa;magaalaan kun adabamuu qabdi;isheen cunqursaadhaan guutamteertii.7Akkuma boolli bishaanii bishaan yaasu sana,isheenis hammina ishee gad yaafti;jeequmsii fi badiisni ishee keessatti ni dhagaʼama.Dhukkubnii fi madaan ishee yeroo hunda fuula koo dura jiran.8Yaa Yerusaalem gorsa koo dhagaʼi;yoo kanaa achii ani sirraa garagalee,akka namni tokko iyyuu keessa jiraachuuhin dandeenyeef, biyya kee nan onsa.”9Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha:“Akkuma wayiniin sirriitti funaanamu sana,isaanis hambaa Israaʼel haa funaanan;akkuma nama ija wayinii ciru tokkootti;ammas harka kee gara dameewwaniitti hiixadhu.”
10Ani eenyuttin dubbadhee akeekkachiisuu dandaʼa?Eenyutu na dhaggeeffata?Kunoo, gurri isaanii dhagna hin qabanne;dhagaʼuus hin dandaʼan.Dubbiin Waaqayyoo isaanitti hin tolu;ittis hin gammadan.11Ani garuu dheekkamsa Waaqayyootiin guutameera;obsuus hin dandaʼu.“Ijoollee daandii irra jiran irratti,dargaggoota walitti qabaman irratti,dhirsaa fi niitii irratti,warra dulloomanittis dheekkamsa nan dhangalaasa.12Yeroo ani harka koowarra biyyattii keessa jiraatanitti ol fudhadhuttimanneen isaanii, lafa qotiisaa isaaniitii finiitota isaanii wajjin namoota kaaniif kennamu”jedha Waaqayyo.13“Xinnaadhaa hamma guddaattihundi isaanii iyyuu buʼaa argachuuf gaggabu;raajonnii fi luboonnis akkasumahundi isaanii nama gowwoomsu.14Isaan madaa saba kootiiakkuma waan xinnaa tokkootti ilaalanii walʼaanu.Utuu nagaan hin jiraatinis‘Nagaa, nagaa’ jedhu.15Isaan amala isaanii jibbisiisaa sanatti ni qaanaʼuu?Lakkii, isaan qaanii tokko iyyuu hin qaban;qaanaʼuun maal akka taʼe iyyuu hin beekan.Kanaafuu isaan warra kufan wajjin ni kufu;yeroo ani isaan adabutti gad gatamu”jedha Waaqayyo.16Waaqayyo akkana jedha:“Karaa qaxxaamuraa irra dhaabadhaatii ilaalaa;daandii durii iyyaafadhaa;karaan gaariin garam akka jiru gaafadhaatii irra deemaa;lubbuu keessaniif boqonnaa ni argattuutii.Isin garuu, ‘Nu isa irra hin deemnu’ jettan.17Ani eegdota isinitti ramadeen‘Sagalee malakataa dhaggeeffadhaa!’ jedhe,isin garuu, ‘Hin dhaggeeffannu’ jettan.18Kanaafuu yaa saboota dhagaʼaa;yaa waldaa,waan isaanitti dhufuuf jiru hubadhaa.19Yaa lafaa dhagaʼi:Ani waan isaan dubbii koo dhagaʼuu didaniiseera koos tuffataniif,saba kanatti badiisa nan fida;kunis ija daba isaanii ti.20Ixaanni biyya Shebaatii dhufu,yookaan qayyii biyya fagootii dhufu maal na fayyada?Aarsaan keessan kan gubamu fudhatama hin qabu;qalmi keessanis hin tolu.”21Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha:“Ani fuula saba kanaa dura gufuu nan kaaʼa.Abbootiinii fi ijoolleen walii wajjin itti gufatu;olloonnii fi michoonni ni barbadaaʼu.”22Waaqayyo akkana jedha;“Kunoo, gareen loltootaa tokkobiyya kaabaatii dhufaa jira;sabni guddaan tokkosandaara lafaatii sosochoʼaa jira.23Isaan xiyyaa fi eeboo qabataniiru;isaan gara jabeeyyii, namaafis naasuu hin qabnee dha.Yommuu isaan fardeen isaanii gulufanittigigigsuun isaanii akkuma huursaa galaanaa ti;yaa Intala Xiyoon, isaan akkuma namootaduulaaf hiriiraniitti si loluuf dhufu.”
24Nu oduu waaʼee isaanii dhageenyeerra;harki keenyas ni laafe.Dhiphinni nu qabateera;miixuunis akkuma dubartii ciniinsifattuu nu qabe.25Sababii diinni goraadee qabatee fisababii iddoo hunda gooliin jiruufisin diidatti gad hin baʼinaa;yookaan karaa irra hin deemnaa.26Yaa saba ko, uffata gaddaa uffadhaatiidaaraa keessa gangaladhaa;akka nama ilma isaa tokkicha dhabeettihiqqifadhaa booʼaa;inni nama balleessu sunakkuma tasaa nutti dhufaatii.
27“Akka ati karaa isaanii qortee beektuufani saba koo gidduutti qorataa si godheera.28Hundi isaanii finciltoota mata jabeeyyiimaqaa namaa balleessuuf asii fi achi jooranii dha.Isaan naasii fi sibiila;isaan hundinuu malaa maltummaa hojjetu.29Buufaan dilaalii ibiddaan gubee balleessuufhumna guddaan buufa;hojiin ibiddaan qulqulleessuu kun faayidaa malee hojjetama;namoonni hamoon hin balleeffamneetii.30Sababii Waaqayyo isaan gateefisaan meetii gatamaa jedhamu.”