Ermiyaas48gaz_bib

Ergaa Waaʼee Moʼaab

1Waaʼee Moʼaab:
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha:
“Neboof wayyoo; isheen ni diigamtiitii.Kiriyaataayimis ni salphatti; ni qabamti;daʼoowwan ishees ni qaaneffamu; ni diigamus.
2Moʼaab siʼachi hin jajamtu;namoonni Heshboon keessatti,‘Kottaa saba sana ni balleessinaa’jedhanii waaʼee kufaatii ishee mariʼatu.Yaa magaalaa Maadmeen jedhamtu atis ni calʼista;goraadeen si ariʼaatii.3Iyya Hooronaayimii dhufu,iyya barbadaaʼuu fi badiisaa guddaa dhagaʼaa!4Moʼaab ni cabdi;ijoolleen ishees ni booʼu.5Isaan akka malee booʼaa,Luuhiitiitti ol baʼu;karaa gara Hooronaayimitti gad buusu irrattiiyya badiisaa dhagaʼu.6Baqadhaa! Lubbuu keessan baafadhaa;akka daggala gammoojjii keessaa taʼaa.7Isin waan hojii keessanii fi qabeenya keessan amanattaniif,boojuudhaan fudhatamtanii ni deemtu;Kemooshis luboota isaatii fiqondaaltota isaa wajjin boojiʼamee ni fudhatama.8Balleessituun sun magaalaa hundatti ni dhufa;magaalaan tokko iyyuu isa jalaa hin baʼu.Sababii Waaqayyo dubbateef sululli ni bada;dirreenis ni barbadeeffama.9Moʼaabitti soogidda firfirsi;isheen ni baddiitii;magaalaawwan isheesnama isaan keessa jiraatu dhabanii onu.
10“Namni garaa hirʼuudhaan hojii Waaqayyoo hojjetu abaaramaa haa taʼu!Namni goraadee isaatiin dhiiga dhangalaasuu didus abaaramaa haa taʼu!
11“Moʼaab akkuma daadhii wayinii kan siicoo isaa irratti hafekan okkotee tokko keessaa gara okkotee kaaniitti gara hin galfaminiiijoollummaa isheetii jalqabdee boqochaa turte;boojiʼamtees hin fudhatamne.Kanaafuu isheen akkuma durii miʼoofti;urgaan ishees hin geeddaramne.12Garuu barri ani itti namoota okkotee keessaa dhangalaasanergu tokko ni dhufa.Isaanis gad ishee naqu;okkotee ishee duwwaa hambisaniigaanii ishee cabsu” jedha Waaqayyo.13“Yoos akkuma manni Israaʼelyeroo Beetʼeelin amanatetti qaanaʼe sanaMoʼaabis Kemooshitti ni qaanaʼa.
14“Isin akkamiin ‘Nu gootota;nu waraana keessatti jajjaboo dha’ jechuu dandeessu?15Moʼaab ni barbadoofti; magaalaawwan ishees ni qabatamu;dargaggoonni ishee filatamoon gara qalmaatti geeffamu”jedha Mootichi maqaan isaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu jedhamu sun.16“Kufaatiin Moʼaab gaʼeera;badiisni ishees dafee ni dhufa.17Warri naannoo ishee jiraatan hundi,warri maqaa ishee beektan hundi‘Bokkuun jabaan sun akkamitti cabe!Uleen ulfina qabeessi sun akkamitti cabe!’ jedhaa booʼaafii.
18“Yaa jiraattuu Diiboon,ulfina kee irraa gad buʼiitiilafa goggogaa irra taaʼi!Barbadeessaan Moʼaab sun sitti dhufeemagaalaawwan kee kanneendallaa jabaan marfaman ni diigaatii.19Ati kan Aroʼeer keessa jiraattu,karaa cina dhaabadhuutii ilaali.Dhiira baqatuu fi dubartii miliqxu gaafadhu;‘Maaltu dhalate?’ jedhii isaan gaafadhu.20Moʼaab waan diigamteef qaanofteerti.Wawwaadhuu booʼi!Arnoon birattiakka Moʼaab barbadooftee jirtu labsi.21Murtiin dirree ol kaʼaatti:Hooloonitti, Yaahizaa fi Meefiʼaatti,22Diiboonitti, Neboo fi Beet Diblaataayimitti,23Kiriyaataayimitti, Beet Gaamulii fi Beet Meʼoonitti,24Keriiyoottii fi Bozraatti,magaalaawwan Moʼaab kanneen fagoo fidhiʼoo jiran hundatti dhufeera.25Gaanfi Moʼaab irraa murameera;irreen ishees caccabeera”jedha Waaqayyo.
26“Waan isheen Waaqayyotti koorteefdhugaatiidhaan ishee macheessaa.Moʼaab diddiga ofii ishee irra haa gangalattu;waan qoosaas haa taatu.27Israaʼel si duratti waan qoosaa hin turree?Akka ati yeroo waaʼee ishee dubbattu hundatuffiidhaan mataa kee isheetti raaftuufisheen hattoota gidduutti qabamtee?28Isin warri Moʼaab keessa jiraattan,magaalaawwan keessan keessaa baʼaatii kattaawwan keessa jiraadhaa.Akkuma gugee mana isheeafaan holqaatti ijaarrattuu taʼa.
29“Nu waaʼee of tuulummaa Moʼaabjechuunis akka malee of guddisuu fi ofiin boonuu ishee,of tuuluu fi of jajuu ishee,of bokoksuu ishee dhageenyeerra.30Ani addaggummaa Moʼaab beeka;garuu faayidaa hin qabaatu” jedha Waaqayyo;“Of tuuluun ishees homaa hin fayyaduuf”31Kanaafuu ani Moʼaabiif nan wawwaadha;Moʼaab hundaaf hiqqifadhee booʼa;ani namoota Qiir Hareeshetiif nan gadda.32Yaa muka wayinii Sibimaa,ani akkuma Yaʼizeeriif booʼu sana siifin booʼa.Dameen kee hamma galaanaatti diriirtee fagaatte;isheen hamma galaana Yaʼizeeritti diriirtee deemti.Balleessituun sun ija kee bilchaataa fihurbuu wayinii keetii irra buʼeera.33Lafa biqiltuutii fi lafa qotiisaamidhaan Moʼaab keessaa ilillee fi gammachuun badeera.Ani iddoo itti wayinii cuunfan irraa wayinii kuteera;namni tokko iyyuu gammadaa sirbee isaan hin cuunfu.Wacni yoo jiraatee illeeinni waca gammachuu miti.
34“Sababii bishaan Niimriim gogeef,sagaleen iyya isaanii ol kaʼee,Heshboonii hamma Eleʼaaleettii fi Yaahaziitti,Zoʼaarii hamma Hooronaayimittii fi hamma Eglaati Sheelishiyaattini dhagaʼama ture.35Ani warra iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraattiaarsaa dhiʼeessanii waaqota isaaniif ixaana aarsanMoʼaab keessaa nan balleessa” jedha Waaqayyo.36“Kanaafuu garaan koo akkuma ulullee faarsee Moʼaabiif booʼa;akkuma ulullee faarsee namoota Qiir Hareeshetiif booʼa.Qabeenyi isaan horatan duraa badeera.37Mataan hundinuu haadameehareedni hundinuu cirameera;harki hundinuu muramee mudhiin hundiswayyaa gaddaatiin hidhameera.38Waan ani akkuma okkotee namni tokko iyyuu hin feeneettiMoʼaabin caccabseefbantii mana Moʼaab hunda irraa fi oobdii sabaa keessabooʼicha malee wanni tokko iyyuu hin jiru”jedha Waaqayyo.39“Isheen akkam akkas caccabde! Isaan akkam akkas wawwaatu!Moʼaab akkam akkas dugda ishee qaaniidhaan garagalfatte!Moʼaab waan kolfaa taatee,warra naannoo ishee jiraatan hundaaf waan sodaa taateerti.”40Waaqayyo akkana jedha:“Ilaa! Risaan tokko Moʼaab irrattiqoochoo balʼisee furguggifamaa gad buʼaa jira.41Keriiyooti ni qabamti;daʼannoon ishee jajjaboonis ni fudhatamu.Bara sana keessa garaan loltoota Moʼaabakkuma garaa dubartii ciniinsifachuutti jirtu tokkoo taʼa.42Moʼaab sababii Waaqayyoon tuffatteefbarbadooftee saba taʼuun ishee ni hafa.43Yaa saba Moʼaab sodaan,boollii fi kiyyoon si eeggata”jedha Waaqayyo.44“Namni sodaa sana duraa baqatukam iyyuu boolla keessa buʼa;namni boolla sana keessaa ol baʼukam iyyuu kiyyoodhaan qabama;ani Moʼaabittiwaggaa adabamuu ishee nan fidaatii”jedha Waaqayyo.
45“Baqattoonni waan taʼan dhabaniigaaddisa Heshboon jala dhadhaabatu;Heshboon keessaa ibiddi tokko,Sihoon gidduudhaas arrabni ibiddaa ni kaʼaatii;inni adda Moʼaab guba,buqqee mataa of tuultotaas ni guba.46Yaa Moʼaab siif wayyoo!Uummanni Kemoosh barbadaaʼeera;Ilmaan kee boojiʼamanii fudhatamaniiru;intallan kees boojiʼamaniiru.
47“Taʼu illee ani bara dhufuuf jiru keessahambaa Moʼaab deebisee nan dhaaba”jedha Waaqayyo.Murtiin Moʼaabitti murame sun asitti dhuma.