Ermiyaas4gaz_bib
1“Yaa Israaʼel, ati yoo deebite,gara kootti deebiʼi” jedha Waaqayyo.“Yoo ati waaqota kee jibbisiisoo sanafuula koo duraa balleessiteesiʼachi karaa irraa jalʼachuu baatte,2yoo ati, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa’ jetteedhugaadhaan, murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan kakatte,saboonni isaan ni eebbifamu;isumaanis ni kabajamu.”3Waaqayyo namoota Yihuudaatii fi namoota Yerusaalemiin akkana jedha:“Bajjii keessan qotadhaa;qoraattii keessas hin facaasinaa.4Yaa namoota Yihuudaatii fi uummata YerusaalemWaaqayyoof dhagna of qabaa;qola qalbii keessaniis dhagna qabadhaa;yoo kanaa achii sababii hammina isin hojjetaniitiifdheekkamsi koo kaʼee akka ibiddaa ni bobaʼa;namni isa dhaamsus hin jiru.