Ermiyaas31gaz_bib

1“Yeroo sanatti” jedha Waaqayyo, “Ani balbala Israaʼel hundaaf Waaqa nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu.”2Waaqayyo akkana jedha:“Namoonni goraadee irraa hafangammoojjii keessatti fudhatama ni argatu;anis Israaʼeliif boqonnaa kennuuf nan dhufa.”3Waaqayyo fagoodhaa natti mulʼatee akkana jedhe:“Ani jaalala bara baraatiin si jaalladheera;kanaafuu ani arjummaa kootiin ofitti si harkiseera.4Yaa Israaʼel durba qulqullittii, ani amma illee sin ijaara;atis deebitee ni ijaaramta.Ati amma illee dibbee kee fudhatteewarra gammadan wajjin shuubbisuuf gad baata.5Ati amma illee gaarranSamaariyaa irratti wayinii ni dhaabbatta;qotee bulaanis wayinii dhaabbateeija isaa ni nyaata.6Guyyaa itti eegdonnigaarran Efreem irra dhaabatanii,‘Kottaa gara Xiyoonitti, gara Waaqayyo Waaqa keenyaatti ol baanaa’jedhanii iyyan tokko ni dhufa.”7Waaqayyo akkana jedha:“Yaaqoobiif gammachuudhaan faarfadhaa;hangafa sabootaatiif ililchaa.Galata keessan dhageessisaatii,‘Yaa Waaqayyo saba kee,hambaa Israaʼel baraari’ jedhaa.8Kunoo, ani biyya kaabaatii isaan nan fida;handaara lafaatiis walitti isaan nan qaba.Isaan keessattis jaamotaa fi naafota,haadhota ulfaatii fi dubartoota ciniinsifatantu argama;saba guddaa taʼaniis ni deebiʼu.9Isaanis booʼaa dhufu;yeroo ani deebisee isaan fidutti Waaqa kadhatu.Waan ani abbaa Israaʼel taʼee fiEfreem immoo ilma koo hangafa taʼeef,ani qarqara burqaa bishaanii irra,daandii qajeelaa isaan achi irratti hin gufanne irra isaan nan qajeelcha.
10“Yaa saboota, dubbii Waaqayyo dhagaʼaa;isin, ‘Inni Israaʼelin bittinneesse sun walitti isaan qabeeakkuma tiksee tokkootti bushaayee isaa ni tiksa’ jedhaatiibiyyoota qarqara galaanaa kanneen fagoo jiranitti labsaa.11Waaqayyo Yaaqoobin fureera,warra isa caalaa jajjaboo taʼan harkaas isa baaseeraatii.12Isaan ni dhufanii gaarran Xiyoon irrattis gammadanii ililchu;isaan arjummaa Waaqayyootti jechuunismidhaanitti, daadhii wayinii haaraa fizayitiitti, ilmoolee bushaayeettii fi jabbootaattis ni gammadu.Jireenyi isaanii akkuma biqiltuu bishaan quufee taʼa;isaan siʼachi hin gaddan.13Ergasiis shamarran ni shuubbisu; ni gammadu;dargaggoonnii fi maanguddoonni akkasuma ni gammadu.Ani booʼicha isaanii gammachuutti nan geeddara;qooda gaddaa jajjabinaa fi gammachuu nan kennaaf.14Ani arjummaadhaan luboota nan quubsa;sabni koos badhaadhummaa kootiin ni guutama,”jedha Waaqayyo.15Waaqayyo akkana jedha:“Sagaleen booʼichaatii fi wawwaannaa guddaan tokkoRaamaa keessaa dhagaʼame;sababii isaan hin jirreef,Raahel ijoollee isheetiif booʼaa jirti;jajjabaachuus ni didde.”16Waaqayyo akkana jedha:“Sagalee kee booʼicha irraa,ija kee immoo imimmaan irraa eeggadhu;hojiin kee ni badhaafamaatii”jedha Waaqayyo.“Isaan biyya diinaatii ni deebiʼu.17Kanaafuu galgalli kee abdii qaba”jedha Waaqayyo.Ijoolleen kee biyya ofii isaaniitti ni deebiʼu.
18“Ani dhugumaan Efreemii akkana jedhee booʼu dhagaʼeera:‘Ati akkuma dibicha hin leenjifamintokkootti na adabdeerta; anis adabameera.Ati sababii Waaqayyo Waaqa koo taateef,na deebisi; anis nan deebiʼa.19Ani ergan duubatti deebiʼee booddee,qalbii jijjiirradheera;ani ergan hubadhee booddee,qoma koo nan dhaʼe.Ani sababiin salphina dargaggummaa koo baadhuuf,nan qaanaʼe; gad nan deebiʼes.’20Efreem ilma koo jaallatamaa,mucaa ani itti gammadu mitii?Ani yeroo baayʼee yoon isaan morme iyyuuamma illee isa nan yaadadha.Kanaafuu garaan koo isaaf ni yaada;garaas nan laafaaf”jedha Waaqayyo.
21“Ati mallattoo daandii dhaabbadhu;waan karaa nama argisiisu illee kaaʼadhu.Karaa irra deemtu,daandii guddaa sana hubadhu.Yaa Israaʼel durba qulqullittii deebiʼi;magaalaawwan keetti deebiʼi.22Yaa intala hin amanamne,ati hamma yoomiitti asii fi achi joorta?Waaqayyo waan haaraa tokko lafa irratti ni uuma;dubartiin dhiira marsiti.”23Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Yeroo ani boojiʼamtoota isaanii deebisutti namoonni biyya Yihuudaatii fi magaalaawwan ishee keessa jiraatan amma illee yeroo tokko, ‘Yaa iddoo murtiin qajeelaan jiraatu, yaa tulluu qulqulluu, Waaqayyo si haa eebbisu’ jedhanii dubbatu.24Biyya Yihuudaatii fi magaalaawwan isaa hunda keessa namoonni jechuunis qonnaan bultoonnii fi warri bushaayee fudhatanii asii fi achi nanaannaʼan tokkummaadhaan achi keessa jiraatu.25Ani warra dadhaban nan jajjabeessa; warra gaggaban illee nan bayyanachiisa.”26Kana irratti ani dammaqee asii fi achi nan ilaale. Hirribni koos natti miʼaawee ture.27“Barri ani itti mana Israaʼelii fi mana Yihuudaa sanyii namaatii fi sanyii horiitiin guutu tokko ni dhufa” jedha Waaqayyo.28“Ani akkuman isaan buqqisuu fi diiguuf, isaan garagalchuuf, isaan barbadeessuu fi badiisa isaanitti fiduuf isaan ilaale sana akkasuma immoo isaan ijaaruu fi isaan dhaabuuf gara isaanii nan ilaala” jedha Waaqayyo.29“Bara sana keessa namoonni lammata,“ ‘Abbootiin isaanii ija wayinii dhangaggaaʼaa nyaannaanilkaan ijoollee hadoode’ hin jedhan.30Qooda kanaa tokkoon tokkoon namaa cubbuu ofii isaatiin duʼa; nama ija wayinii dhangaggaaʼaa nyaatu kam iyyuu ilkaanuma isaatu hadooda.31“Yeroon ani itti mana Israaʼel wajjin,mana Yihuudaa wajjiniskakuu haaraa galu ni dhufa,”jedha Waaqayyo.32“Kakuun kunis kakuu ani,yeroo biyya Gibxiitii isaan baasuuf jedheeharka isaanii qabe sana abbootii isaanii wajjin gale,kakuu koo kan utuma ani dhirsa isaanii taʼee jiruuisaan cabsan sanaan tokko miti”jedha Waaqayyo.33“Kakuun ani yeroo sana booddeemana Israaʼel wajjin galu kanaa dha” jedha Waaqayyo.“Ani seera koo qalbii isaanii keessa nan kaaʼa;garaa isaanii keessattis nan barreessa.Ani Waaqa isaanii nan taʼa;isaanis saba koo taʼu.34Sababii hundi isaanii,xinnaa hamma guddaatti na beekaniif,siʼachi namni kam iyyuu, ‘Waaqayyoon beeki’ jedheeollaa isaa yookaan obboleessa isaa hin barsiisu”jedha Waaqayyo.“Ani yakka isaanii nan dhiisaaf;cubbuu isaaniis siʼachi hin yaadadhu.”35Waaqayyo akkana jedha;inni akka isheen guyyaan ibsituuf aduu ramadu,inni akka isaan halkaniin ibsaniif,jiʼaa fi urjiiwwan ajaju,inni akka dambaliin isaa huursuufgalaana raasu sun maqaan isaaWaaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha:36“Yoo seerri kun fuula kooduraa bade qofa, sanyiin Israaʼel,fuula koo duratti bara baraan saba taʼuun isaa hafa”jedha Waaqayyo.37Waaqayyo akkana jedha:“Yoo samiin gubbaa safaramuu dandaʼee fihundeen lafaa kan gadii qoratamee argamuu dandaʼe qofaani sanyii Israaʼel hundasababii waan isaan hojjetan hundaatiif nan gata”jedha Waaqayyo.38Waaqayyo akkana jedha: “Barri itti magaalaan kun gamoo Hanaaniʼeeliitii jalqabee hamma Karra Goleetti deebiʼee naaf ijaaramu tokko ni dhufa.39Funyoon safaraas achii kaʼee gara tulluu Gaareebitti qajeelee gara Goʼaatti diriirfama.40Sululli reeffii fi daaraan itti gatamu guutuun, karaa baʼaas sulula Qeedroon qabatee dirreen hamma Karra Fardaatti jiru hundi Waaqayyoof ni qulqulleeffama. Magaalaan kun gonkumaa lammaffaa hin buqqifamtu yookaan hin diigamtu.”