Ermiyaas3gaz_bib
1“Namni tokko yoo niitii isaa hiikeeisheenis isa dhiiftee nama biraatti heerumte,inni lammata isheetti deebiʼaa?Biyyattiinis guutumaan guutuutti hin xurooftuu?Ati garuu akka sagaagaltuuttisanyoowwan hedduu wajjin jiraatteerta;taʼus amma gara kootti deebiʼi?”jedha Waaqayyo.2“Mee ol milʼadhuutii gaara duwwaa ilaali.Iddoon ati itti hin sagaagalin tokko iyyuu jiraa?Ati akkuma godaantuu gammoojjii keessaa tokkoottiwarra si jaallatan eeggachuuf qarqara karaa teesse;sagaagaltummaa fi hammina keetiinbiyyattii xureessiteerta.3Kanaafuu tiifuun ni ittifame;birraa keessa illee bokkaan hin roobne.Ati garuu nyaara sagaagaltuu qabda;qaanaʼuus ni didde.4Ati amma iyyuu akkana jettee na hin waamnee?‘Abbaa koo, ijoollummaa kootii jalqabdee michuu koo,5ati yeroo hunda ni aartaa?Dheekkamsi kee baruma baraan itti fufaa?’Ati akkasitti dubbatta;garuu waan hamaa dandeessu hunda ni hojjetta.”