Ermiyaas14gaz_bib

Hongee, Beela, Goraadee

1Dubbiin Waaqayyoo waaʼee hongee akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:2“Yihuudaan ni boossi;magaalaawwan ishees gad deebiʼaa jiru;isaan biyyattiidhaaf ni wawwaatu;iyyi tokkos Yerusaalemii dhagaʼamaa jira.3Namoonni gurguddoonni hojjettoota isaanii bishaan waraabuuf ergatu;isaanis gara boolla bishaanii dhaqu;garuu bishaan hin argatan.Isaan okkotee isaanii duwwaa qabatanii deebiʼu;isaan qaanaʼanii abdii kutataniimataa isaanii haguuggatu.4Sababii biyyattii keessaabokkaan dhabameef lafti ni babbaqaqxe;qonnaan bultoonnis abdii kutataniimataa isaanii haguuggatu.5Sababii margi hin jirreef,borofni bakkee iyyuuilmoo ishee kan reefuu dhalatte gattee deemti.6Harroonni diidaa lafa ol kaʼaa qullaa irra ijaajjaniiakkuma waangotaa arganu;sababii waan dheedan dhabaniifiji isaanii waa arguu dadhabe.”
7Yaa Waaqayyo, cubbuun keenya nutti dhugaa baʼu iyyuuati maqaa keetiif jedhiitii waa nuu godhi.Duubatti deebiʼuun keenya baayʼateera;nu cubbuu sitti hojjenneerra.8Yaa abdii Israaʼel,Fayyisaa ishee kan yeroo rakkinaa,ati maaliif akkuma kara deemtuu halkan tokko qofa bultuubiyyattii keessatti akkuma keessummaa taata?9Ati maaliif akka nama waan godhu wallaale tokkoo,akkuma loltuu nama oolchuu hin dandeenye tokkoo taata?Yaa Waaqayyo, ati nu gidduu jirta;nu maqaa keetiin waamamna;ati nu hin gatin.10Waaqayyo waaʼee saba kanaa akkana jedha:“Isaan jooruu jaallatu;miilla isaanii hin ittifatan.Kanaafuu Waaqayyo isaanitti hin gammadu;inni amma hammina isaanii ni yaadata;cubbuu isaaniitiifis isaan adaba.”11Waaqayyo akkana naan jedhe; “Akka sabni kun nagaan jiraatu na hin kadhatin.12Yoo isaan sooman iyyuu ani iyya isaanii hin dhagaʼu; yoo isaan aarsaa gubamuu fi aarsaa midhaanii dhiʼeessan iyyuu ani hin fudhadhu. Qooda kanaa ani goraadeedhaan, beelaa fi dhaʼichaan isaan nan balleessa.”13Ani garuu akkana nan jedhe; “Wayyoo yaa Waaqayyo Gooftaa, raajonni saba kanaan, ‘Isin goraadee hin argitan yookaan hin beeloftan. Ani dhugumaan nagaa dhuma hin qabne iddoo kanatti isiniif nan kenna’ jedhu.”14Amma illee Waaqayyo akkana naan jedhe; “Raajonni sun maqaa kootiin soba raaju. Ani isaan hin ergine yookaan isaan hin muudne yookaan isaanitti hin dubbanne. Isaan mulʼataa fi raajii sobaa, waaqa tolfamaa waaqeffachuu fi waan ofuma isaaniitii yaadan isinitti himu.15Kanaafuu Waaqayyo waaʼee raajota maqaa isaatiin raajan sanaa akkana jedha: ani isaan hin ergine; isaan garuu, ‘Goraadeen yookaan beelli tokko iyyuu biyya kana hin tuqu’ jedhu. Raajonni sun iyyuu goraadee fi beelaan dhumu.16Namoonni isaan raajii dubbataniif sunis beelaa fi goraadeedhaan daandiiwwan Yerusaalem irratti harcaafamu. Namni isaan yookaan niitota isaanii, ilmaan isaanii yookaan intallan isaanii awwaalu tokko iyyuu hin jiru. Ani badiisa isaaniif malu isaanitti nan dhangalaasaatii.
17“Akkana jedhii dubbii kana isaanitti dubbadhu:“ ‘Iji koo halkanii fi guyyaa utuu gargarhin kutin imimmaan haa lolaasu;intalli, Durbi Qulqullittiin saba kootiiakka malee madoofteedhaʼicha hamaadhaan dhaʼamte.18Ani yoon baadiyyaa dhaqe,warra goraadeedhaan dhuman nan arga;yoon magaalaa seene immoo,warra beelaan dhuman nan arga.Raajonnii fi luboonnibiyya hin beekne keessa jooru.’ ”
19Ati Yihuudaa guutumaan guutuutti gatteertaa?Xiyooniinis ni tuffattaa?Ati maaliifakka nu fayyuu hin dandeenyeef nu miita?Nu nagaa abdanne;garuu wanni gaariin tokko iyyuu hin dhufne;nu yeroo fayyinaa abdanne;garuu raafama qofatu jira.20Yaa Waaqayyo, nu hammina keenyaa fiyakka abbootii keenyaa ni beekna;nu dhugumaan cubbuu sitti hojjenneerra.21Ati maqaa keetiif jedhiitii nu hin tuffatin;teessoo kee ulfina qabeessa sanas hin qaanessin.Kakuu nu wajjin galte sana yaadadhu;isas hin cabsin.22Waaqota Namoota Ormaa kanneen faayidaa hin qabne sana keessaatokko iyyuu bokkaa ni roobsaa?Samiiwwan mataan isaanii iyyuu tiifuu gad erguu?Yaa Waaqayyo Waaqni keenya suma mitii?Kanaafuu abdiin keenya suma;situ waan kana hunda hojjetaatii.