Ermiyaas1gaz_bib
1Kun dubbii Ermiyaas ilma Hilqiyaa kan luboota biyya Beniyaam keessa magaalaa Anaatoot jiraatan keessaa tokko taʼe sanaa ti.2Dubbiin Waaqayyoo bara Yosiyaas ilma Aamoon mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha sadaffaatti gara Ermiyaas dhufe;3akkasumas bara Yehooyaaqiim ilma Yosiyaas mooticha Yihuudaatii jalqabee hamma dhuma bara Zedeqiyaa ilma Yosiyaas mooticha Yihuudaa waggaa kudha tokkoffaatti waggaa sana keessaas hamma jiʼa shanaffaatti, yeroo sabni Yerusaalem boojiʼametti dubbiin kun gara isaa dhufaa ture.