Isaayyaas63gaz_bib

Guyyaa Waaqayyo Haaloo Baʼu

1Kan uffata isaa halluu diimaa cuupheeEdoom keessaa, Bozraadhaa dhufaa jiru kun eenyu?Kan ulfina uffatee guddina jabina isaatiinfuula duratti deemaa jiru kun eenyu?“Inni anuma, kan qajeelummaan dubbatu,kan oolchuufis humna qabu anaa dha.”
2Uffanni kee maaliif akkuma uffatanama boolla wayinii itti cuunfan keessattiwayinii dhidhiitu tokkoo diimata?
3“Ani kophaa koo boolla itti wayinii cuunfan keessattiwayinii nan dhidhiite;saboota keessaa namni tokko iyyuu na wajjin hin turre.Ani aarii kootiin isaan irra dhaabadheedheekkamsa kootiin gad isaan dhidhiite;dhiigni isaanii wayyaa kootti faffacaʼe;wayyaa koo hundas ni faale.4Guyyaan haaloo baʼuu garaa koo keessa jiraatii;waggaan ani itti nama furus dhufeera.5Anis milʼadhee nama na gargaaru tokko iyyuu nan dhabe;gargaarsa tokko iyyuu dhabnaan nan dinqisiifadhe;kanaafuu irreen koo fayyina naa fide;dheekkamsi koos na utube.6Ani aarii kootiin saboota irra nan dhidhiite;dheekkamsa kootiinis isaan nan macheesse;dhiiga isaanii lafa irra nan lolaase.”

Galateeffannaa fi Kadhannaa

7Akkuma waan inni nuuf hojjete hundaattiani waaʼee jaalala Waaqayyookan hin geeddaramne sanaahojii inni ittiin galateeffamuu qabu nan odeessa;wantoota gaggaarii inni akkuma gara laafinaa fiarjummaa isaa hedduu sanaatti mana Israaʼeliif hojjete baayʼeeani dhugumaan nan odeessa.8Innis, “Isaan dhugumaan saba koo ti;ijoollee hin sobnee dha” jedhe;kanaafuu inni Fayyisaa isaanii taʼe.9Dhiphina isaanii hunda keessatti, innis ni dhiphate;ergamaan Waaqayyoo kan fuula isaa dura dhaabatu isaan baraare.Jaalalaa fi araara isaatiin isaan fure;bara durii hunda keessa,inni ol fuudhee isaan baate.10Isaan garuu fincilaniiHafuura isaa Qulqulluu gaddisiisan.Kanaafuu inni deebiʼee diina isaanii taʼe;inni mataan isaas isaan lole.
11Kana irratti sabni isaa bara durii,bara Museetii fi saba isaa yaadatee akkana jedhe:Inni tiksee bushaayee isaa wajjingalaana keessaa isaan baase sun eessa jira?Inni Hafuura isaa Qulqulluu gidduu isaanii buuse,12kan akka irreen isaa ulfina qabeessi jabaan sun,harka mirgaa kan Musee wajjin jiraatuuf erge,kan maqaa bara baraa ofii isaatiif godhachuudhaaffuula isaanii duratti bishaan gargar qoode,13kan tuujuba keessaan isaan qajeelche sun eessa jira?Isaan akkuma farda biyya balʼaa keessa gulufu tokkoo hin gufanne;14akkuma loon dirreetti bobbaʼaniitti,Hafuurri Waaqayyoo boqonnaa isaaniif kenne.Akki ati itti maqaa ulfina qabu ofii keetiif godhachuudhaaf jetteesaba kee qajeelchite kanaa dha.
15Ati samii irraa, teessoo kee qulqulluu fiulfina qabeessa sana irraa gad ilaali.Hinaaffaan keetii fi jabinni kee eessa jiru?Jaalallii fi gara laafinni kee nurraa ittifamaniiru.16Yoo Abrahaam nu beekuu baatee,yookaan Israaʼel nu yaadachuu baate iyyuu,ati dhugumaan abbaa keenya;Yaa Waaqayyo, ati abbaa keenya;Furaan keenya durumaa jalqabee maqaa kee ti.17Yaa Waaqayyo, ati maaliif akka nu karaa kee irraa badnuu fiakka garaan keenya jabaatee nu si sodaachuu didnu nu goota?Sababii garboota kee,gosoota handhuuraa kee taʼaniitiif jedhii deebiʼi.18Sabni kee yeroo yartuuf iddoo kee qulqulluu dhaalee ture;amma garuu diinonni keenya iddoo kee qulqulluugad dhidhiitaa jiru.19Nu durumaa jalqabnee kanuma kee ti;ati garuu isaan hin bulchine;isaanis maqaa keetiin hin waamamne.

No translations available.