Isaayyaas
46
/
gaz_bib
Waaqota Baabilon
1
Beel gad jedha; Neboo akka malee gugguufa;
waaqonni isaanii tolfamoon kotte duudaa fi horiitti feʼamaniiru;
fakkiiwwan isaan qabatanii jooran baʼaa dha;
horii dadhabeef baʼaa dha.
2
Isaan gugguufanii walii wajjin gad jedhu;
baʼaa sana oolchuu hin dandaʼan;
isaan iyyuu ni boojiʼamu.
3
“Yaa mana Yaaqoob,
isin hambaan mana Israaʼel hundi,
warri ani gaafa isin gadameessa keessattiuumamtanii jalqabee ol isin qabee
gaafa dhalattanii jalqabees isin baadhe hundi dhaggeeffadhaa.
4
Hamma dulloomtanii arrii baaftanitti,
ani isa; isuma isin jiraachisuu dha.
Ani isin uumeera; isinan baadhas;
ani isinan jiraachisa; isinan baraaras.
5
“Isin eenyuun wal bira na qabdu yookaan eenyuun wal na qixxeessitu?
Akka wal madaalluufis eenyutti na fakkeessitu?
6
Namoonni tokko tokko korojoo isaanii keessaa warqee gad naqanii
madaalliidhaan meetii madaalu;
Waaqa tolfamaa tolchuuf jedhanii tumtuu warqee qacaru;
isaanis gad jedhanii sagaduuf.
7
Ol fuudhanii gatiittii isaaniitti ni baatu;
iddoo isaatti ni deebisu; innis achi dhaabata.
Inni iddoo sanaa sochoʼuu hin dandaʼu.
Yoo namni gara isaatti iyye iyyuu, inni deebii hin kennu;
inni rakkoo isaa keessaa isa baasuu hin dandaʼu.
8
“Yaa finciltoota, waan kana yaadadhaa;
qalbiittis qabadhaa; garaa keessan keessas kaaʼadhaa.
9
Wantoota darban kanneen bara durii yaadadhaa;
ani Waaqa; kan biraa hin jiru;
ani Waaqa; kan akka koo hin jiru.
10
Ani dhuma waan tokkoo jalqabumatti nan labsa;
waan amma iyyuu dhufuuf jiru, ani durumaa jalqabee dubbadheera.
Ani, ‘Kaayoon koo cimee jiraata;
waan na gammachiisu hundas nan hojjedha’ nan jedha.
11
Baʼa biiftuutii allaattii waa adamsitu,
lafa fagootii immoo nama kaayyoo koo fiixaan baasu nan waama.
Ani waanan dubbadhe nan guuta;
waanan karoorfadhes nan raawwadha.
12
Yaa mata jabeeyyii,
isin warri qajeelummaa irraa fagoo jirtan na dhaggeeffadhaa.
13
Ani qajeelummaa koo nan dhiʼeessa;
innis fagoo hin jiru;
fayyisuun koos hin barfatu.
Ani Xiyooniif fayyina,
Israaʼeliif immoo ulfina koo nan kenna.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter