Warra Gibxin Abdataniif Wayyoo
1Warra gargaarsa barbaacha gara Gibxitti gad buʼaniif,warra fardeen abdataniifwarra gaariiwwan isaaniitii fijabina abbootii fardeen isaanii amanataniigaruu gara Qulqullicha Israaʼel hin ilaalleyookaan gargaarsa Waaqayyoo hin barbaanneef wayyoo.2Taʼus inni ogeessa; balaas fiduu dandaʼa;inni waan jedhe irraa duubatti hin deebiʼu.Inni mana hamootaatti,warra namoota hammina hojjetan gargaaraniitti ni kaʼa.3Warri Gibxi namootuma malee Waaqa miti;fardeen isaaniis foonuma malee hafuura miti.Yeroo Waaqayyo harka isaa diriirfatutti,inni gargaaru ni gufata;inni gargaaramus ni kufa;isaan lachuu walii wajjin badu.4Waaqayyo akkana naan jedha:“Akkuma leenci,leenci guddaan tokko waan qabate irratti aadu sana,tuunni tiksootaa guutuun isatti wal waammatan iyyuu,inni iyya isaanii hin sodaatu;yookaan waca isaaniitiin hin raafamu;akkasuma Waaqayyoon Waan Hunda DandaʼuTulluu Xiyoon irratti waraana banuuf gad buʼa.5Akkuma simbirroon mataa namaa irra naannoftu sanaWaaqayyoon Waan Hunda DandaʼuYerusaalemiif gaachana taʼa;inni gaachana taʼeefii ishee baraara;ishee bira darba; ishee oolchas.”6Yaa saba Israaʼel, gara Isa akka malee itti finciltan sanaatti deebiʼaa.7Bara sana tokkoon tokkoon keessan waaqota tolfamoo harki keessan cubbamaan sun meetii fi warqee irraa hojjetee ture sana ni gattuutii.8“Asoor goraadee kan namaa hin taʼiniin kufti;goraadeen nama duʼa hin oollees isaan fixa.Isaan goraadee duraa baqatu;dargaggoonni isaaniis dirqamaan hojii humnaa hojjetu.9Daʼoon isaanii sababii sodaatiif ni jiga;ajajjoonni isaaniis faajjii waraanaa arganii hollatu”jedha Waaqayyo, inni ibiddi isaa Xiyoon keessa,kan boolli ibidda isaa immoo Yerusaalem keessa jiru sun.