ISA21gaz_bib

Raajii Baabiloniin Mormu

1Raajii Gammoojjii Galaana bira jirtuun mormu:Akkuma bubbeen hamaan biyya kibbaa haxaaʼu sana,weeraraan tokko gammoojjiidhaa,biyya sodaachisaa keessaa ni dhufa.
2Mulʼanni hamaan tokko natti mulʼateera:gantuun ni ganti; saamtuunis ni saamti.Yaa Eelaam, ol baʼi! Yaa Meedee marsii qabi!Ani aaduu isheen fidde hunda nan xumura.
3Kana irratti dugdi na cite;akkuma dubartii ciniinsifattuu muddamni na qabe;ani waanan dhagaʼeen nan holladhe;waanan argeenis nan raafame.4Qalbiin koo ni raafame;sodaan na hollachiise;dimimmisni ani hawwe sunsodaatti na jalaa geeddarame.
5Isaan maaddii qopheessu;afaa diriirsu;ni nyaatu, ni dhugu!Isin qondaaltonni kaʼaa;gaachanas zayitii dibaa.6Gooftaan akkana naan jedha:“Dhaqiitii eegduu tokko ramadi;innis waan argu haa himu.7Inni yommuu warra farda yaabbatankanneen lama lamaan yaaʼan,warra harree yaabbatanyookaan warra gaala yaabbatan argutti,haa dammaqu;guutumaan guutuutti haa dammaqu.”8Eegduun sunis akkana jedhee iyye;“Yaa gooftaa ko, ani guyyuma guyyaanqooxii eegumsaa irra nan dhaabadha;halkan hundas ani hojii koo irra nan tura.9Kunoo, warri farda yaabbatan,lama lamaan dhufaa jiru;inni akkana jedhee deebise:‘Baabilon jigdeerti; jigdeerti!Fakkiiwwan waaqota ishee hundinuuburkutaaʼanii lafa dhaʼaniiru!’ ”
10Yaa saba koo warra oobdii midhaanii irratti dhaʼamtan,ani waan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu,Waaqa Israaʼel irraa dhagaʼe isinittin hima.

Raajii Edoomiin mormu

11Raajii Duumaan mormu:Namni tokko Seeʼiirii na waamee,“Yaa eegduu, halkan kun bariʼuuf hammamtu hafe?Yaa eegduu, halkan kun bariʼuuf hammamtu hafe?” jedhe.12Eegduun sunis,“Bariʼuu gaʼeera; garuu deebiʼee dhiʼa.Yoo gaafachuu barbaaddan gaafadhaa;garuu deebiʼaa kottaa” jedhee deebisa.

Raajii Biyya Arabaatiin Mormu

13Raajii biyya Arabaatiin mormu:Isin imaltoonni Dedaankanneen bosona Arabaa keessa qubattan,14warra dheeboteef bishaan fidaa;isin warri Teemaa keessa jiraattan,baqattootaaf waan nyaatan fidaa.15Isaan goraadee jalaa,goraadee luqqifame jalaa,xiyya aggaamame jalaa,hoʼa waraanaa jalaa baqataniiruutii.16Gooftaan akkana naan jedhe: “Akkuma waggoota hojjetaa qaxaramaa tokkootti ulfinni Qeedaar hundinuu waggaa tokko keessatti ni dhuma.17Warra xiyya darbatan keessaa kanneen hafan, gootonni Qeedaar muraasa taʼu.” Waaqayyo Waaqni Israaʼel dubbateeraatii.

No translations available.