Isaayyaas2gaz_bib

Tulluu Waaqayyoo

1Wanni Isaayyaas ilmi Amoos waaʼee Yihuudaatii fi Yerusaalem arge kanaa dha:
2Bara dhumaa keessa,tulluun mana qulqullummaa Waaqayyootulluuwwan hunda keessaa ol dheeratee dhaabata;inni tulluuwwan caalaa ol ol jedha;saboonni hundinuu gara isaatti yaaʼu.3Namoonni baayʼeen dhufanii akkana jedhu;“Kottaa gara tulluu Waaqayyoo,gara mana Waaqa Yaaqoob ol baanaa.Inni akka nu daandii isaa irra deemnuufkaraa isaa nu barsiisa.”Seerri Xiyoon keessaa,dubbiin Waaqayyoo immooYerusaalem keessaa ni baʼa.4Inni saboota gidduutti murtii kenna;namoota hedduudhaafis ni murteessa.Isaan goraadee isaanii tumanii maarashaa tolfatu;eeboo isaaniis tumanii haamtuu tolfatu.Sabni tokko saba biraatti goraadee hin luqqifatu;yookaan lolaaf nama hin leenjifatan.
5Yaa mana Yaaqoob,kottaa ifa Waaqayyoo keessa deddeebinaa.

Guyyaa Waaqayyoo

6Kanaafuu saba kee,mana Yaaqoob dhiifteerta.Isaan bartee Baʼa Biiftuutiin guutamaniiru;akkuma Filisxeemotaa falfala hojjetu;duudhaa namoota ormaattis ni cichu.7Biyyi isaanii meetii fi warqeen guutamteerti;qabeenyi isaanii dhuma hin qabu.Biyyi isaanii fardeeniin guutamteerti;gaariiwwan isaaniis dhuma hin qaban.8Biyyi isaanii waaqota tolfamoodhaan guutamteerti;isaan hojiidhuma harka isaanii,waanuma qubni isaanii tolcheef sagadu.9Kanaafuu namni gad qabama;ilmaan namaa gad deebifamu;ati isaaniif hin dhiisin.
10Argamuu Waaqayyoo isa sodaachisaa fisurraa ulfina isaa duraa, kattaa keessa lixu;lafa keessas dhokadhu!11Iji nama of tuuluu gad qabama;of jajuun namootaas gad deebifama;gaafas Waaqayyo qofatu ol ol jedha.
12Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼuwarra of jajuu fi warra of tuulu hundaaf,warra ol ol jedhan hundaaf guyyaa tokko qaba;isaanis gad deebifamu.13Inni birbirsa Libaanoon dheeraa figuddaa hundaaf, qilxuu Baashaan hundaaf,14tulluuwwan ol dhedheeroo hundaaf,gaarran ol dhedheeroo hundaaf,15gamoo gurguddaa hundaaf,dallaa dhagaadhaan jabeeffamee ijaarame hundaaf,16doonii daldalaa hundaa fi waan gatii guddaa qabu hundaafguyyaa murteeffate tokko qaba.17Of tuulummaan namaa gad qabama;of jajuun namootaas gad deebifama;gaafas Waaqayyo qofatu ol ol jedha;18waaqonni tolfamoon guutumaan guutuutti ni barbadeeffamu.
19Namoonni yommuu inni lafa raasuuf kaʼutti,sodaachisa Waaqayyootii fisurraa isaa ulfina qabeessa sana duraagara holqa kattaa keessaattii fiboolla lafa keessaatti ni baqatu.20Gaafas namoonni waaqota isaanii tolfamookanneen waaqeffachuuf jedhaniimeetii fi warqee irraa tolfatan sanatuqaa fi simbira halkaniitiif darbatu.21Isaan yommuu inni lafa raasuuf kaʼuttisodaachisa Waaqayyootii fisurraa ulfina isaa duraa gara holqa guddaakattaawwan keessaatii fi baqaqaa kattaatti ni baqatu.
22Nama duʼa hin oolle,kan hafuurri isaa funyaan irra jiru abdachuu dhiisaa.Inni maalitti lakkaaʼama?