Isaayyaas18gaz_bib

Raajii Itoophiyaadhaan Mormu

1Biyya lageen Itoophiyaatiin gamaakan qoochoo isheetiin shaakkiftuuf wayyoo;2isheen galaana irra,bidiruu dhallaadduutiin ergamoota bishaan irra ergiti.Yaa ergamoota ariifattoota,gara saba dhedheeroo kanneen gogaan isaanii lallaafuu,gara saba fagoo fi dhiʼoottis sodaatamuu,saba jabaa fi afaan isaa hin beekamnekan biyyi isaanii lageeniin gargar qoodamte sanaa dhaqaa.
3Isin uummanni addunyaa hundi,warri lafa irra jiraattan yeroo mallattoon gaara irrattiol qabamu ni argitu;yeroo malakanni afuufamusinuma dhageessu.4Waaqayyo akkana naan jedhe:“Ani akkuma hoʼa ifa aduu keessatti calaqqisuu,akkuma duumessa fixeensaa kan hoʼa yeroo midhaan galchaniitticalʼisee iddoo jireenya kootii nan ilaala.”5Haamaa midhaaniitiin dura, yeroo hudhaan daraareedaraaraan sunis ija wayinii bilchaatee taʼuttiinni billaa ittiin qoraniin lataa isaa ni ciccira;damee babalʼates irraa murmuree ni balleessa.6Isaan hundinuu allaattii tulluu kan waa adamsuu fibineensota bosonaatiif dhiifamu;allaattiin bona guutuu,bineensonni bosonaas ganna guutuu isaan nyaatu.7Gaafas saba dhedheeroo kanneen gogaan isaanii lallaafu irraa,saba fagoo fi dhiʼoottis sodaatamu irraa,saba jabaa fi afaan isaa hin beekamnekan biyyi isaanii lageeniin gargar qoodamte irraaWaaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuuf kennaan ni fidama;kennaan sunis gara Tulluu Xiyoon, iddoo Maqaan Waaqayyo Waan hunda dandaʼu jiraatutti ni fidama.