Hooseʼaa9gaz_bib

Adabbii Israaʼelitti Dhufu

1Yaa Israaʼel hin ililchin;akka saboota kaanii hin gammadin.Ati Waaqa keetiif amanamaa hin turreetii;ati oobdii hunda irratti gatiisagaagaltummaadhaaf baafamu jaallatteerta.2Oobdiiwwanii fi iddoon cuunfaa wayinii saba hin sooran;daadhiin wayinii haaraan isaaniif hin tolu.3Isaan biyya Waaqayyoo keessatti hin hafan;Efreem gara Gibxitti deebiʼeeAsoor keessatti nyaata xuraaʼe nyaata.4Isaan dhibaayyuu daadhii wayinii Waaqayyoof hin dhibaafatan;yookaan aarsaan isaanii isa hin gammachiisu.Aarsaan akkasii akkuma buddeena warra gaddaa isaanitti taʼa;namni buddeena kana nyaatu hundinuu ni xuraaʼa.Nyaanni kun kanuma mataa isaanii taʼa;mana qulqullummaa Waaqayyoos ol hin seenu.
5Isin guyyaa ayyaana keessan murteeffameetti,guyyoota ayyaana Waaqayyoo sanatti maal hojjetu?6Yoo isaan badiisa jalaa baʼan iyyuuGibxi walitti isaan qabdi;Memfiis immoo isaan awwaala.Qabeenyi meetii isaanii sokorruudhaan liqimfama;dunkaana isaanii immoo qoraattiitu haguuga.7Guyyoonni adabbii dhufaa jiru;guyyoonni itti gatii baasan dhiʼaataniiru.Israaʼel waan kana haa beeku.Sababii cubbuun kee akka malee baayʼateehamminni kees akka malee guddaa taʼeef,raajiin akka raatuutti ilaalame;namni Hafuura Waaqaatiin qajeelfamu immooakka maraatuutti hedame.8Raajichi Waaqa koo wajjineegduu Efreem taʼe;taʼus daandii isaa hunda irratti kiyyoon isa eeggata;mana Waaqa isaa keessattis jibbi isa eeggata.9Isaan akkuma bara Gibeʼaa keessatti taʼe sanaxuraaʼummaa keessa dhidhiman.Waaqni hammina isaanii yaadateesababii cubbuu isaaniitiif isaan adaba.
10“Yeroo ani Israaʼelin argetti,inni akkuma ija wayinii gammoojjii keessatti argamee ture;yeroo ani abbootii keessan argetti,isaan akkuma waan ija jalqabaa harbuu irratti argamee turan.Isaan garuu yommuu gara Baʼaal Pheʼoor dhufanitti,waaqa tolfamaa qaanessaa sanaaf of qulqulleessaniiakkuma waan jaallatan sanaa jibbisiisoo taʼan.11Ulfinni Efreem akkuma simbirroo barrisee bada;dhalchuun, garaatti baachuun, ulfaaʼuun hin jiru.12Yoo isaan ijoollee guddifatan iyyuuani jalaa fixee ilmaan malee isaan nan hambisa.Gaafa ani isaan irraa garagaluisaaniif wayyoo!13Ani Efreemin isaa akkuma Xiirooslafa namatti tolu irra dhaabatee jiru nan arge.Sabni Efreem garuu ijoollee isaa gad baaseewarra gogorraʼutti kenna.”
14Yaa Waaqayyo isaaniif kenni;ati maal isaaniif kennita?Gadameessa ulfa hin baannee fiharma goggogaa kenniif.
15“Sababii hammina isaanii kan Gilgaal keessatti hojjetame sana hundaatiif,ani achitti isaan nan jibbe.Sababii hojii isaanii kan cubbuudhaan guutamee sanaatiifani mana koo keessaa isaan ariʼa.Ani siʼachi isaan hin jaalladhu;bulchitoonni isaanii hundinuu finciltoota.16Efreem rukutameera;hiddi isaanii goggogeera;isaan ija tokko illee hin godhatan.Yoo isaan ijoollee godhatan iyyuuani sanyii isaanii jaallatamoo isaan jalaa nan qala.”
17Sababii isaan isaaf hin ajajaminiif,Waaqni koo isaan dida;isaan warra asii fi achi saboota gidduu jooru taʼu.