Hooseʼaa5gaz_bib

Murtii Israaʼelitti Murteeffame

1“Isin luboonni waan kana dhagaʼaa!Israaʼeloonnis qalbeeffadhaa!Yaa mana mootii dhaggeeffadhu!Murtiin kun isinitti murama:Isin Miisphaatti kiyyoo,Taaboor irratti immoo xaxoo diriirsaa turtan.2Finciltoonni ajjeechaatti jabaataniiru.Ani isaan hunda nan adaba.3Ani waaʼee Efreem hunda beeka;Israaʼelis na duraa hin dhokattu.Yaa Efreem, ati amma sagaagaltummaatti deebiteerta;Israaʼelis xuraaʼeera.
4“Hojiin isaanii akka isaan gara Waaqa isaaniittideebiʼan hin eeyyamuuf.Hafuurri sagaagaltummaa garaa isaanii keessa jira;isaan Waaqayyoon hin beekan.5Of tuulummaan Israaʼel dhugaa isaanitti baʼa;Israaʼeloonni, Efreem mataan isaa iyyuucubbuu isaanii keessatti gufatu;Yihuudaanis isaan wajjin gufata.6Isaan yommuu Waaqayyoon barbaaduudhaafbushaayee fi loon isaanii fudhatanii deemanitti,isa hin argatan;inni isaan dhiisee deemeeraatii.7Isaan Waaqayyoof amanamoo miti;seeraan ala ijoollee godhatu.Yeroo isaan Ayyaana Baatii Haaraa ayyaaneffatanittiinni lafa qotiisaa isaanii ni balleessa.
8“Gibeʼaa keessatti malakata,Raamaa keessatti immoo gaanfa afuufaa.Beet Aawwen keessatti iyya lolaa dhageessisaa;yaa Beniyaam, ati dura qajeeli.9Guyyaa ifannaattiEfreem ni ona.Ani gosoota Israaʼel gidduuttiwaan mirkanaaʼe nan labsa.10Bulchitoonni Yihuudaaakkuma nama dhagaa daarii dhiibu tokkoo ti.Ani akkuma lolaa bishaaniidheekkamsa koo isaanitti gad nan lolaasa.11Efreem sababii waaqota tolfamooduukaa buʼuu jaallateef akka malee hacuucameemurtiidhaan lafatti dhidhiitame.12Ani Efreemitti akka bilii,Yihuudaatti immoo akka daanaʼoo ti.
13“Yommuu Efreem dhukkuba isaa,Yihuudaanis madaa isaa argetti,Efreem gara Asooritti garagaleemooticha guddaa gargaarsa kadhachuudhaafnama itti erge.Inni garuu isin fayyisuu,madaa keessanis wayyeessuu hin dandaʼu.14Ani Efreemitti akkuma leencaa,Yihuudaattis akkuma saafela leencaa nan taʼa.Ani gargar isaan ciccireen biraa deema;ani isaan guureen deema; namni isaan oolchus hin jiru.15Ergasii ani hamma isaanballeessaa isaanii fudhatanittiiddoo kootti nan deebiʼa.Isaan fuula koo barbaaddatu;rakkoo isaanii keessatti jabaatanii na barbaaddatu.”