Hooseʼaa4gaz_bib

Himatamuu Israaʼel

1Yaa Israaʼeloota, Waaqayyo isin warra biyyattii keessa jiraattan irrattihimata dhiʼeeffatu waan qabuufdubbii Waaqayyoo dhagaʼaa:“Biyyattii keessa amanamummaan,jaalallii fi Waaqa beekuun hin jiru.2Abaaruu, sobuu fi ajjeesuu,hannaa fi ejja qofatu jira;isaan kakuu hunda ni cabsu;dhiiga dhangalaasuutu baayʼata.3Sababii kanaaf biyyattiin ni gadditi;warri ishee keessa jiraatan hundis ni badu;bineensonni bosonaa, simbirroonni samiitii fiqurxummiin galaanaa dhumaa jiru.
4“Garuu namni tokko iyyuu dubbii hin kaasin;namni tokko iyyuu nama kaan hin himatin;sabni keessanakkuma nama luba himatu tokkoo ti.5Ati halkanii fi guyyaa gufatta;raajonnis isin wajjin gufatu.Kanaafuu ani haadha kee nan balleessa;6sabni koo beekumsa dhabuudhaan badeera.“Waan ati beekumsa tuffatteefanis akka ati luba naaf hin taaneef si tuffadheera;sababii ati seera Waaqa keetii gatteefanis ilmaan kee nan gata.7Luboonni akkuma baayʼachaa deemaniin,akkasuma cubbuu natti hojjechuu baayʼisan;isaan ulfina isaanii salphinatti geeddaraniiru.8Isaan cubbuu saba kootii nyaatu;hammina isaaniis ni hawwu.9Wanni kunis akkuma sabaa, akkuma lubootaa taʼa.Anis sababii karaa isaaniitiiflachan isaanii iyyuu nan adaba;hojii isaaniis isaanumatti nan deebisa.
10“Isaan ni nyaatu; garuu hin quufan;ni sagaagalu; garuu hin baayʼatan;kunis sababii isaan Waaqayyoon dhiisaniidabarsanii11sagaagaltummaatti,daadhii wayinii moofaa fihaaraa hubannaa isaanii fudhatetti of kennaniif.12Sabni koo waaqa muka irraa tolfame gorsa gaafata;uleen falfaltuus isaanitti dubbata.Hafuurri sagaagaltummaa karaa irraa isaan jalʼisa;isaan Waaqa isaaniitiif hin amanaman.13Isaan fiixeewwan tulluu irratti qalma,aarsaa gubamu immoo gaarran irratti,qilxuu jalatti, alaltuu fi hoomiigaaddisni isaanii namatti tolu jalatti dhiʼeessu.Kanaafuu intallan keessan sagaagaltummaatti deebiʼu;niitonni ilmaan keessaniis ejjatti deebiʼu.
14“Sababii warri dhiiraa iyyuu sagaagaltummaatti deebiʼaniigalma waaqeffannaa ejjaatti qalma dhiʼeessaniif,yommuu intallan keessansagaagaltummaatti deebiʼanittiyookaan yommuu niitonni ilmaan keessaniiejjatti deebiʼanitti ani isaan hin adabu;sabni hubannaa hin qabne ni badaatii!
15“Yaa Israaʼel, ati yoo ejja hojjette illeeakka Yihuudaan yakka qabaatu hin godhin.“Isin Gilgaal hin dhaqinaa;Beet Aawwenittis ol hin baʼinaa.‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa!’ jettaniis hin kakatinaa.16Israaʼeloonni akkuma goromsamataa jabaate tokkoo mataa jabeeyyii taʼaniiru.Yoos Waaqayyo akkamiin akka xobbaallaawwan hoolaattikaloo balʼaatti isaan bobbaasuu dandaʼa ree?17Efreem waaqota tolfamootti galeera;isa ittuma dhiisaa!18Dhugaatiin isaanii yoo dhume iyyuuisaan sagaagaltummaa isaanii ittuma fufu;bulchitoonni isaanii ulfina irra qaanii jaallatu.19Bubbeen hamaan haxaaʼee isaan balleessa;aarsaan isaaniis qaanii isaanitti fida.