Hooseʼaa14gaz_bib

Eebba Argachuudhaaf Qalbii Jijjiirrachuu

1Yaa Israaʼel, gara Waaqayyo Waaqa keetiitti deebiʼi.Ati sababii cubbuu keetiitiif gufatteetii!2Dubbicha fudhadhuutiigara Waaqayyoo deebiʼi.Akkanas jedhiin:“Cubbuu keenya hunda nuuf dhiisi;akka nu ija arraba keenyaa siif dhiʼeessinuuf,arjummaadhaan nu simadhu.3Asoor nu oolchuu hin dandaʼu;nu fardeen lolaa hin yaabbannu.Nu siʼachi deebinee, waan harki keenya hojjeteen,‘Waaqota keenya’ hin jennu;daaʼimman abbaa hin qabne gara laafina sirraa argatuutii.”
4“Ani gantummaa isaanii nan fayyisa,toluman isaan jaalladha;aariin koo isaan irraa deebiʼeeraatii.5Ani Israaʼelitti akkuma fixeensaa nan taʼa;inni akkuma daraaraa ni daraara.Inni akkuma gaattiraa Libaanoonhidda isaa gad fageeffata;6dameen isaa ni guddata.Miidhaginni isaa akkuma muka ejersaa taʼa;urgaan isaa akkuma gaattiraa Libaanoon.7Namoonni ammas deebiʼanii gaaddisa isaa jala jiraatu.Inni akkuma midhaanii lalisa.Akkuma muka wayinii dagaaga;maqaan isaas akkuma daadhii wayinii Libaanoon beekama.8Yaa Efreem, ani kana caalaawaaqota tolfamoo wajjin dhimma maaliin qaba?Kan deebii siif kennee si eegu anuma.Ani akkuma muka birbirsa lalisaa ti;amanamummaan kee ana irraa dhufa.”
9Namni ogeessi eenyu? Inni waan kana ni beeka.Qalbii qabeessi eenyu? Inni waan kana ni hubata.Karaan Waaqayyoo qajeelaa dha;namni qajeelaan isa irra deema;finciltoonni garuu isa irratti gufatu.