2Yaa Waaqayyo, ani hamma yoomiittin gargaarsaafsitti iyyadha?Ati garuu na hin dhaggeeffattu;yookaan ani hamma yoomiitti, “Goolii!”jedhee sitti booʼee ati garuu na hin oolchitu?3Ati maaliif akka ani murtii dabe argu na goota?Ati maaliif balleessaa namaa obsita?Badiisnii fi gooliin fuula koo dura jiru;lollii fi waldhabiinsi baayʼateera.4Kanaafuu seerri laamshaʼeera;murtiin qajeelaan dabsameera.Akka murtiin qajeelaan jalʼifamuuf;namoonni hamoon qajeelota marsu.
Deebii Waaqayyoo
5“Saboota hubadhaa ilaalaa;akka malees dinqisiifadhaa.Ani bara keessan keessawaan isin yoo isinitti himame illeehin amanne tokko nan hojjedha.6Ani warra Baabilon,uummata gara jabeessaa fi ariifataa,kan iddoo jireenya isaa hin taʼin qabachuufguutummaa lafaa keessa yaaʼu sana nan kaasa.7Isaan saba sodaatamuu fi naasisuu dha;isaan ofii isaaniitiifuu seera;ulfina isaaniis ni guddifatu.8Fardeen isaanii qeerransa caalaa saffisu;yeeyyii galgalaa caalaa sodaachisu.Namoonni isaanii kanneen farda yaabbatanariitiidhaan gulufu;abbootiin farda isaaniis fagoodhaa dhufu.Isaan akkuma risaa waa nyaachuuf ariifatuu barrisu;9isaan hundinuu jeequmsaaf dhufu.Tuunni isaanii akkuma bubbee gammoojjii gara fuula duraatti qajeela;namoota hidhamanis akkuma cirrachaa walitti qaba.10Isaan mootota tuffataniibulchitootatti qoosu.Daʼannoo hundatti ni kolfu;biyyoos tuulanii isa qabatu.11Ergasii namoonni yakka hojjetan kanneen humna isaaniiwaaqa isaanii godhatan,akka bubbee lafa haxaaʼanii karaa isaanii itti fufu.”
Gungummii Anbaaqoom isa Lammaffaa
12Yaa Waaqayyo, ati bara baraa jalqabdee jirta mitii?Yaa Waaqa ko, yaa Qulqullicha ko, ati gonkumaa hin duutu.Yaa Waaqayyo, ati akka isaan murtii kennaniifisaan muuddeerta;yaa Kattaa ko, ati akka isaan nama adabaniif isaan ramaddeerta.13Iji kee akka waan hamaa hin ilaalleef akka malee qulqulluu dha;ati daba argitee obsaan dhiisuu hin dandeessu.Yoos ati maaliif obsaan namoota hamoo ilaalta?Ati maaliif yeroo namoonni hamoonwarra isaan caalaa qajeeloo taʼan liqimsanitti calʼistaa?14Ati namoota akka qurxummii galaana keessaa,akka uumamawwan galaanaa kanneen bulchaahin qabnee gooteerta.15Diinni hokkoodhaan isaan hunda ol baasa;kiyyoo isaatiinis isaan harkisa;kiyyoo isaa keessatti walitti isaan qabata;kanaafuu inni ni gammada; ni ililchas.16Inni sababii kiyyoo isaatiin bashannaneenyaata isaa filatamaatti gammaduufkiyyoo isaatiif aarsaa dhiʼeessa;kiyyoo isaatiif illee ixaana aarsa.17Inni kiyyoo isaa keessaa garagalchuudhaan,gara laafina malee ittuma fufee saboota balleessuu qabaa?