Uumama37gaz_bib
Abjuu Yoosef
1Yaaqoob biyya abbaan isaa ture, Kanaʼaan keessa jiraate.2Seenaan maatii Yaaqoob kana.Yoosef yeroo dargaggeessa waggaa kudha torba turetti obboloota isaa, ilmaan niitota abbaa isaa jechuunis ilmaan Bilihaatii fi Zilfaa wajjin bushaayee tiksa ture; innis waaʼee obboloota isaa oduu hamaa abbaa isaatiif fide.3Israaʼel waan bara dullumaa keessa isa dhalcheef ilmaan isaa hunda caalaa Yoosefin jaallata ture; innis qoloo faayeffame hojjeteef.4Obboloonni isaas yommuu akka abbaan isaanii isaan hunda caalaa isa jaallate hubatanitti Yoosefin jibban; afaan nagaas itti dubbachuu hin dandeenye.5Yoosef abjuu abjootee obboloota isaatti hime; isaanis ittuma caalchisanii isa jibban.6Innis akkana isaaniin jedhe; “Mee abjuu ani arge kana dhagaʼaa:7Nu lafa qotiisaa keessatti bissii midhaanii hidhaa ture; kunoo, bissiin koo ol jedhee dhaabate; bissiiwwan keessan immoo bissii kootti naannaʼanii gad jedhanii sagadaniif.”8Obboloonni isaas, “Ati nu irratti mootii taʼuu barbaaddaa? Dhugumaan situ nu bulchaa?” jedhaniin. Isaanis sababii abjuu isaatii fi sababii waan inni dubbateetiif ittuma caalchisanii isa jibban.9Ergasiis abjuu biraa abjootee obboloota isaatti hime. Akkanas jedheen; “Kunoo, ani abjuu biraa abjoodheera; aduu fi jiʼi, urjiiwwan kudha tokkos gad jedhanii naa sagadu.”10Yommuu inni waan kana abbaa isaatii fi obboloota isaatti himetti abbaan isaa, “Abjuun ati abjootte kun maali? Ani, haati keetii fi obboloonni kee dhugumaan dhufnee fuula kee duratti gad jennee siif sagadnaa?” jedhee isatti dheekkame.11Obboloonni isaa isatti hinaafan; abbaan isaa garuu waan kana garaatti qabate.