Efesoon5gaz_bib
1Kanaaf akkuma ijoollee jaallatamootti fakkeenya Waaqaa duukaa buʼaa;2akkuma Kiristoos nu jaallatee nuufis jedhee akka aarsaa fi qalma urgaaʼuutti Waaqaaf of kenne sana isinis jaalalaan deddeebiʼaa.3Garuu waaʼeen halalummaa yookaan xuraaʼummaa gosa kamii iyyuu yookaan waaʼeen doqnummaa gidduu keessanitti hin dhagaʼamin; wanni akkasii qulqulloota Waaqaa biratti hin barbaachisuutii.4Galateeffachuu malee haasaan qaanii yookaan dubbiin gowwummaa kan faayidaa hin qabne yookaan qoosaan namatti hin tolle isin gidduu hin jiraatin.5Halaleen yookaan xuraaʼaan yookaan sassattuun jechuunis kan Waaqa tolfamaa waaqeffatu mootummaa Kiristoosii fi kan Waaqaa keessaa akka dhaala tokko illee hin qabne beekaa.6Namni tokko iyyuu dubbii faayidaa hin qabneen isin hin gowwoomsin; sababii waan akkanaatiif dheekkamsi Waaqaa warra hin ajajamnetti ni dhufaatii.7Kanaafuu isin waan isaan hojjetan keessatti hin hirmaatinaa.8Isin dur dukkana turtaniitii; amma garuu Gooftaadhaan ifa taataniirtu. Akka ijoollee ifaatti jiraadhaa;9iji ifaa gaarummaa, qajeelummaa fi dhugaa hunda keessatti argamaatii;10waan Gooftaa gammachiisu qoradhaa bira gaʼaa.11Hojii dukkanaa kan ija hin qabne saaxilaa malee irratti hin hirmaatinaa.12Waan isaan icciitiin hojjetan dubbachuun iyyuu qaaniidhaatii.13Wanni ifni sun saaxilu hundinuu garuu ni mulʼata;14kanaafis,“Ati yaa isa raftu, dammaqi;warra duʼan keessaas kaʼi;Kiristoos siif ibsaatii” jedhameera.15Egaa isin akkamitti akka jiraattan jabeessaa of eeggadhaa! Akka ogeeyyiitti jiraadhaa malee akka warra ogeeyyii hin taʼiniitti hin jiraatinaa;16waan guyyoonni kunneen hamoo taʼaniif baricha furaa.17Kanaafuu fedhiin Gooftaa maal akka taʼe hubadhaa malee gowwaa hin taʼinaa.18Daadhii wayiniitiin hin machaaʼinaa; kun jireenya gad dhiisiitti geessaatii. Qooda kanaa Hafuuraan guutamaa;19faarfannaadhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin wal jalaa qabaa. Garaa keessan keessatti Gooftaaf faarfadhaatii muuziiqaa dhageessisaa;20yeroo hundas waan hundaaf maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin Waaqa Abbaa galateeffadhaa.