Lallaba7gaz_bib

Ogummaa

1Shittoo urgaaʼaa irra maqaa gaarii wayya;guyyaa dhalootaa irra guyyaa duʼaa wayya.2Mana cidhaa dhaquu mannaamana booʼichaa dhaquu wayya;galgalli nama hundaa duʼumaatii;namni lubbuun jiraatu waan kana garaatti haa qabatu.3Fuulli gaddu waan garaa gammachiisuufkolfa irra gadda wayya.4Qalbiin ogeessaa mana booʼichaa jira,qalbiin gowwaa garuu mana gammachuu jira.5Sirba gowwootaa dhagaʼuu mannaaifannaa ogeessaa dhaggeeffachuu wayya.6Kolfi gowwaa akkuma qoraattiixuwwee jalaa xaaxaʼuu ti.Kunis faayidaa hin qabu.
7Cunqursaan ogeessa gowwaa godha;mattaʼaanis sammuu nama xureessa.
8Jalqaba waan tokkoo irra dhuma isaa wayya;of tuuluu irras obsa wayya.9Hafuura keetiin aaruuf hin ariifatin;aariin bobaa gowwootaa keessa jiraatii.
10Ati, “Barri durii maaliif bara kana caale?” hin jedhin;waan kana gaafachuun ogummaa miti.
11Ogummaan akkuma dhaalaa waan gaarii dha;warra aduu arganiifis buʼaa qaba.12Akkuma maallaqni daʼoo taʼe sanaogummaanis daʼoo dha;faayidaan beekumsaa garuu kana:innis ogummaan warra ishee qabaniif jireenya kennuu ishee ti.13Waan Waaqni hojjete mee ilaali:Waan inni jalʼiseeenyutu qajeelchuu dandaʼa?14Yommuu yeroon gaarii taʼutti gammadi;yommuu yeroon hammaatu garuu itti yaadi:Waaqni isa tokko hojjete isa kaanis hojjeteera.Kanaafuu namni egeree isaa beekuu hin dandaʼu.15Ani jireenya koo kan faayidaa hin qabne kana keessatti waan kana lachuu argeera; kunis:Qajeelaan qajeelummaa isaatiin baduu isaatii fihamaan immoo hammina isaatiin bara dheeraa jiraachuu isaa ti.16Ati akka malee qajeelaa hin taʼin;yookaan akka malee ogeessa hin taʼin;maaliif of galaafatta?17Ati akka malee hamaa hin taʼin;gowwaas hin taʼin;maaliif utuu yeroon kee hin gaʼin duuta?18Utuu isa kaan gad hin dhiisinwaan tokko qabaachuun gaarii dha.Namni Waaqa sodaatu waan hundaan ni milkaaʼa.
19Ogummaan, bulchitoota magaalaa tokko keessa jiran kudhan caalaanama ogeessa tokko humna qabeessa gooti.
20Namni qajeelaan waan qajeelaa maleecubbuu tokko illee hin hojjenne lafa irra hin jiru.
21Waan namni jedhu hunda hin dhaggeeffatin;yoo kana goote utuu hojjetaan kee si abaaruu dhageessaa;22ati mataan kee iyyuu yeroo baayʼeenamoota kaan akka abaarte garaan kee beekaatii.23Ani waan kana hunda ogummaadhaanan qoradhee,“Ani ogeessan taʼa” nan jedhe.Wanni kun garuu narraa fagoo ture.24Wanti jiru hundi fagoo dha; gad fagoo dha;eenyutu qoratee bira gaʼuu dandaʼa?25Kanaafuu ani gara ogummaa fimaalummaa wantootaa hubachuutti, sakattaʼuutti, qorachuuttiakkasumas hammina gowwummaatii fimaraatummaa gowwummaa hubachuutti qalbii koo nan deebifadhe.
26Ani waan duʼa caalaa hadhaaʼuu nan arge; kunis:dubartii kiyyoo taate,kan yaadni ishee kiyyoo,harki ishee immoo foncaa taʼee dha.Namni Waaqa gammachiisu ishee jalaa ni baʼa;cubbamaan garuu isheedhaan qabama.27Lallabaan akkana jedha; “Kunoo wanni ani qoradhee bira gaʼe kanaa dha:“Mala isaa beekuuf waan tokko fuudhanii waan kaanitti dabaluu dha;28ani ammas nan sakattaʼe;garuu hin arganne.Ani kuma keessaa dhiira qajeelaa tokko nan argadhe;hunduma isaanii keessaa garuu dubartii qajeeltuu tokko iyyuu hin arganne.29Kunoo ani waan kana qofa nan argadhe:Waaqni qajeeltota godhee ilmaan namaa uume;namoonni garuu mala baayʼee barbaacha deeman.”