Lallaba
11
/
gaz_bib
Buddeena Bishaan Irraa
1
Buddeena kee bishaan gubbaa buusi;
guyyaa baayʼee booddee deebiftee argattaatii.
2
Qabeenya kee iddoo torbatti yookaan saddeetitti qoodi;
balaa biyyatti dhufuuf jiru hin beektuutii.
3
Duumessi yoo bishaaniin guutame,
bokkaa lafatti gad dhangalaasa.
Mukni tokko yoo kibbatti yookaan kaabatti jige,
idduma itti kufe sana ciisa.
4
Namni qilleensa eeggatu tokko hin facaafatu;
kan duumessa ilaallatus hin haammatu.
5
Ati akkuma daandii bubbee,
yookaan akka itti namni gadameessa haadhaa keessatti uumamuhin beekne sana,
hojii Waaqaa, Uumaa waan hundaa sana illee
beekuu hin dandeessu.
6
Inni kun yookaan inni sun,
yookaan lachanuu wal qixxee tolu;
inni kam akka tolu hin beektuutii;
ati sanyii kee ganamaan facaafadhu;
galgalas harki kee hojii malee hin taaʼin.
Dargaggummaatti Uumaa kee Yaadadhu
7
Ifni miʼaawaa dha;
aduu arguunis ija gammachiisa.
8
Namni yoo hammam waggoota baayʼee jiraate illee,
inni hunduma isaatti gammadaa haa jiraatu.
Garuu inni guyyoota dukkanaa haa yaadatu;
isaan ni baayʼatuutii.
Wanni dhufuuf jiru hundinuu faayidaa hin qabu.
9
Yaa dargaggeessa, hamma dargaggummaa keessa jirtutti gammadi;
bara dargaggummaa keetii keessas garaan kee si haa gammachiisu.
Yaada garaa keetii, waanuma iji kee argu duukaa buʼi;
garuu akka Waaqni waan kana hundaafgara murtiitti si fidu beekkadhu.
10
Kanaafuu garaa kee keessaa yaaddoo balleessi;
sababii dargaggummaa fi jabinni faayidaa hin qabneef
dhagna kee keessaa hammina baasii gati.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter