Amoos9gaz_bib

Barbadeeffamuu Israaʼel

1Utuu Gooftaan iddoo aarsaa bira dhaabatuu nan arge; innis akkana jedhe:“Akka buusaawwan balbalaa raafamaniiffiixee utubaa dhaʼi.Mataa nama hundaa irratti gad isaan harcaasi;warra hafe immoo anatu goraadeedhaan fixa.Tokkoon isaanii iyyuu baqatanii hin baʼan;isaan keessaa namni tokko iyyuu hin miliqu.2Yoo isaan boolla qilee qotatan iyyuuharki koo achii isaan fuudha.Yoo isaan samiitti ol baʼan iyyuuani achii gad isaan nan buusa.3Yoo isaan fiixee Qarmeloos irradhokatan iyyuu, ani achii adamsee qabeegad isaan nan fida.Yoo isaan galaana jala na dhokatan iyyuu,ani akka inni achitti isaan idduuf bofa itti nan ajaja.4Yoo diinonni isaanii boojiʼanii isaan fudhatan,achitti goraadee isaan fixxu itti nan ajaja.“Ani waan gaariidhaaf utuu hin taʼinwaan hamaadhaaf ija koo isaan irra nan buusa.”
5Gooftaan, Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu lafa ni tuqa;isheenis ni baqxi;wanni ishee irra jiraatu hundinuu ni booʼa;biyyattiin guutuun akka laga Abbayyaa ol kaati;ergasiis akka laga Gibxi gad galti;6inni darbii isaa ol dheeraa samii irratti ijaarrateehundee isaa lafa irra dhaabbatu,inni bishaanota galaanaa waameefuula lafaa irratti gad roobsu sunmaqaan isaa Waaqayyo.
7“Isin Israaʼeloonnianaaf akkuma saba Itoophiyaa mitii?”jedha Waaqayyo.“Ani Israaʼeloota biyya Gibxiitii,Filisxeemota Kaftoorii,warra Sooriyaa immoo Qiirii baasee hin fidnee?
8“Dhugumaan iji Waaqayyo Gooftaamootummaa cubbamaa irra jira.Ani fuula lafaa irraa isa nan balleessa;taʼus ani guutumaan guutuutti mana Yaaqoob hin balleessu”jedha Waaqayyo.9“Ani ajaja kenneeakkuma midhaan gingilchaadhaangingilfamee iji tokko iyyuu lafa hin buune sanasaboota hunda gidduuttimana Israaʼel nan gingilcha.10Cubbamoonni saba koo gidduu jiraatan hundiWarri, ‘Balaan nu hin argatuyookaan nutti hin dhufu’ jedhanhundi goraadeedhaan dhumu.

Haaromfamuu Israaʼel

11“Ani bara sana keessa dunkaana Daawit“Kan kufe sana deebisee nan dhaaba.Kan tarsaʼes walitti nan supha;diigamaa isaa iddootti deebiseeakka duraatti nan ijaara;12kunis akka isaan hambaa Edoomii fisaboota maqaa kootiin waamaman hunda dhaalaniif”jedha Waaqayyo, inni waan kana hojjetu.13Waaqayyo akkana jedha; “Kunoo, barri itti namni haamu tokko isa qotu qaqqabu,“namni wayinii dhaabu immooisa cuunfu qaqqabu tokko ni dhufa;Daadhiin wayinii haaraan tulluuwwan irraa ni coccopha;gaarran hunda keessaas ni yaaʼa.14Ani saba koo Israaʼelin boojuudhaa nan deebisa.“Isaanis magaalaawwan diigaman deebisanii ijaaranii keessa ni jiraatu.Isaan wayinii dhaabanii, daadhii wayinii isaanii ni dhugu;isaan biqiltuu dhaabbatanii ija isaa ni nyaatu.15Ani Israaʼeloota biyya ofii isaanii keessa nan dhaaba;isaan biyya ani isaaniif kenne keessaalammata hin buqqifaman,”jedha Waaqayyo Waaqni kee.