Amoos8gaz_bib

Guuboo Ija Bilchaateen Guutame

1Waaqayyo Gooftaan waan kana natti argisiise: kun guuboo ija bilchaateen guutamee dha.2Innis, “Amoos, ati maal arguutti jirta?” jedhee na gaafate. Ani immoo, “Guuboo ija bilchaateen guutame tokko” jedheen deebiseef. Ergasii Waaqayyo akkana naan jedhe; “Saba koo Israaʼelitti yeroon dhufeera; ani siʼachi isaan hin baraaru.”3Waaqayyo Gooftaan akkana jedha; “Gaafas faarfannaan mana qulqullummaa keessaa booʼichatti geeddarama. Reeffi akka malee hedduun lafa hundatti gatama! Calʼisuunis ni taʼa!”4Isin warri rakkattoota dhidhiittaniihiyyeeyyii biyyattii balleessitan waan kana dhagaʼaa;5isin akkana jettu;“Akka nu midhaan gurgurannuufBaatiin Haaraan yoom goobana?Akka nu qamadii gabaa baafannuufSanbanni yoom darba?”Isin warri safartuu xinnootti fayyadamtaniigatii immoo ol kaaftan, madaalii sobaatiinnama gowwoomsitanii saamtu;6hiyyeeyyii meetiidhaan,rakkataa immoo kophee miilla lamaaniitiin bitattaniigirdiis qamadii wajjin gurgurattu.7Waaqayyo akkana jedhee ulfina Yaaqoobiin kakateera; “Ani gonkumaa waan isaan hojjetan tokko illee hin irraanfadhu.8“Sababii kanaaf lafti kirkirteenamoonni ishee keessa jiraatan hundi hin booʼanii?Guutummaan biyya sanaa akkuma laga Abbayyaa ol kaʼa;isheen akkuma laga Gibxiol dadarbatamtee liqimfamti.”9Waaqayyo Gooftaan akkana jedha; “Bara sana,“Ani akka aduun saafaadhaan dhiiteelaftis guyyuma adiidhaan dukkanooftu nan godha.10Ani ayyaana amantii keessanii gaddatti,sirba keessan hundas booʼichatti nan geeddara.Ani akka isin hundi wayyaa gaddaa uffattaniimataa keessan haaddattan nan godha.Ani yeroo sana akkuma booʼicha ilma tokkichaa,dhuma isaas akka guyyaa hadhaaʼaa nan godha.”
11Waaqayyo Gooftaan akkana jedha;“Yeroon ani biyyattiitti beela fidu tokko ni dhufa;innis beela dubbii Waaqayyoo dhagaʼuu ti maleebeela nyaataa yookaan dheebuu bishaanii miti.12Namoonni dubbii Waaqayyoo barbaachagalaanaa gara galaanaatti,kaabaa gara baʼa biiftuutti ni jooru;garuu hin argatan.13“Bara sana“Shamarran babbareedoo fidargaggoonni dhiiraa jajjaboon dheebotanii gaggabu.14Warri cubbuu Samaariyaatiin kakatanyookaan ‘Yaa Daan dhugaa waaqa kee jiraataa’ jedhan,yookaan warri ‘Dhugaa waaqa Bersheebaa’ jedhaniikakatan akka lammata hin kaaneef ni kufu.”