Amoos2gaz_bib

1Waaqayyo akkana jedha:“Ani cubbuu Moʼaab sadiif,afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu.Sababii inni lafee mootii Edoomgubee daaraa godheef,2ani ibidda daʼannoo Keriiyooti barbadeessu tokkoMoʼaabitti nan erga.Moʼaab iyya waraanaatii fisagalee malakataatiin duʼa.3Ani bulchaa ishee ajjeeseeqondaaltota ishee hundas isa wajjinin fixa”jedha Waaqayyo.4Waaqayyo akkana jedha:“Ani cubbuu Yihuudaa sadiif,afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu.Sababii isaan seera Waaqayyoo didaniiajaja isaas hin eeginiif,sababii isaan waaqota sobaa,waaqota abbootiin isaanii duukaa buʼan sanaankaraa irraa jalʼataniif,5ani ibidda daʼannoo Yerusaalem barbadeessu tokkoYihuudaatti nan erga.”

Murtii Israaʼelitti Murame

6Waaqayyo akkana jedha:“Ani cubbuu Israaʼel sadiif,afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu.Isaan qajeeltota meetiitti,rakkattoota immoo kophee cimdii tokkotti gurguratan.7Isaan akkuma biyyoo lafaattimataa hiyyeeyyii irra ijaajjaniicunqurfamaas murtii qajeelaa dhowwatan.Abbaa fi ilmi durba tokkotti galaniiakkasiin maqaa koo qulqulluu xureessan.8Isaan uffata qabdiidhaan nama irraafudhatan irra iddoo aarsaa hunda bira ciciisan.Isaan daadhii wayinii kan warra adabaman biraa dhufe,mana waaqa isaanii keessatti dhugu.
9“Inni akkuma birbirsaa dheerateeakka qilxuu jabaatu iyyuu,ani namicha Amoor sana fuula isaanii duratti galaafadheera.Ani gubbaadhaa ija isaa,jalaan immoo hidda isaa balleesseera.
10“Ani biyya Amoorotaa isiniif kennuuf jedhee,biyya Gibxiitii isin baaseewaggaa afurtama gammoojjii keessa isinan geggeesse.
11“Akkasumas ani ilmaan keessan gidduudhaa raajota,dargaggoota keessan gidduudhaa immoo Naaziroota kaaseera.Yaa saba Israaʼel, wanni kun dhuguma mitii?”jedha Waaqayyo.12“Isin garuu Naaziroota daadhii wayinii obaaftaniiakka raajonnis raajii hin dubbanne ajajjan.
13“Ani akkuma gaariin yommuu midhaaniin guutamu caccabu sana,amma isinan caccabsa.14Saffisaan hin miliqu;namoonni jajjaboon humna isaanii hin jabeeffatan;loltuunis lubbuu isaa hin oolfatu.15Abbaan xiyyaa jabaatee dhaabachuu hin dandaʼu;loltuun saffisaan fiigee jalaa hin baʼu;abbaan fardaas lubbuu isaa oolfachuu hin dandaʼu.16Loltoonni akka malee jajjaboon iyyuugaafas qullaa isaanii baqatu”jedha Waaqayyo.