1 Saamuʼeel4gaz_bib
1Dubbiin Saamuʼeel Israaʼel hunda bira gaʼe. Filisxeemonni Taabota Boojiʼan Israaʼeloonni Filisxeemota waraanuudhaaf baʼan. Israaʼeloonnis Ebeenezer bira, Filisxeemonni immoo Afeeq keessa qubatan.2Filisxeemonni Israaʼeloota waraanuudhaaf loltoota isaanii hiriirsan; akkuma waraanni hoʼeenis Israaʼeloonni Filisxeemotaan moʼatamanii namoonni kumni afur dirree waraanaa irratti ajjeefaman.3Yommuu loltoonni Israaʼel qubatatti deebiʼanitti maanguddoonni Israaʼel, “Harʼa Waaqayyo maaliif fuula Filisxeemotaa duratti akka nu moʼatamnu godhe? Akka inni nu wajjin deemee harka diinota keenyaa jalaa nu baasuuf taabota kakuu Waaqayyoo Shiiloodhaa haa fidnu” jedhan.4Kanaafuu sabni sun gara Shiilootti namoota erguudhaan taabota kakuu Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu isa kiirubeel gidduu taaʼu sanaa fidan. Ilmaan Eelii lamaan Hofniinii fi Fiinehaasis taabota kakuu Waaqaa wajjin achi turan.5Yommuu taabonni kakuu Waaqayyoo gara qubataatti galetti Israaʼeloonni hundinuu iyya gammachuu guddaa isaa iyyanii lafa sochoosan.6Filisxeemonnis yommuu iyya guddaa sana dhagaʼanitti, “Iyyi guddaan qubata Ibrootaa keessaa dhagaʼamu kun maali?” jedhanii gaafatan. Yommuu akka taabonni kakuu Waaqayyoo achi gale hubatanittis,7Filisxeemonni sodaatanii akkana jedhan; “Waaqni tokko gara qubata Ibrootaa dhufeera; nuuf wayyoo! Wanni akkasii taʼee hin beeku.8Nuuf wayyoo! Eenyutu waaqota jajjaboo kanneen harkaa nu baasa? Isaan waaqota gammoojjii keessatti dhaʼicha garaa garaatiin warra Gibxi dhaʼanii dha.9Yaa Filisxeemotaa jabaadhaa! Dhiirummaa keessanis argisiisaa. Yoo kanaa achii akkuma isin jara garboomfattan sana Ibroonni garba isin godhatu. Dhiirummaa keessan argisiisaatii lolaa!”10Kanaafuu Filisxeemonni ni lolan; Israaʼeloonnis moʼatamanii tokkoon tokkoon namaa gara dunkaana ofii isaatti baqate. Nama baayʼeetu dhume; Israaʼelis loltoota lafoo kuma soddoma dhabde.11Taabonni Waaqaa ni boojiʼame; ilmaan Eelii lamaanuu Hofniinii fi Fiinehaas ni duʼan.