1 Mootota4gaz_bib
Qondaaltota Solomoon
1Solomoon Mootichis akkasiin Israaʼel hunda bulche.2Jarri kunneenis qondaaltota isaa ol aantota turan:Azaariyaa ilmi Zaadoq luba ture;3Eliihoorefii fi Ahiiyaan, ilmaan Shiishaaʼaa barreessitoota turan; Yehooshaafaax ilmi Ahiiluud galmeessaa ture;4Benaayaa ilmi Yehooyaadaa ajajaa loltootaa ol aanaa ture; Zaadoqii fi Abiyaataar immoo luboota turan;5Azaariyaa ilmi Naataan itti gaafatamaa bulchitoota aanaalee biyyaa ture; Zaabuud ilmi Naataan lubaa fi gorsituu mootichaa kan dhuunfaa ture;6Ahiishaar, itti gaafatamaa masaraa mootummaa ture; Adooniiraam ilmi Abdaa itti gaafatamaa warra hojii humnaa hojjetanii ture.7Solomoonis Israaʼel hunda irratti bulchitoota aanaalee kudha lama kanneen mootichaa fi warra mana mootichaa jiraataniif nyaata dhiʼeessan qaba ture. Tokkoon tokkoon isaaniis waggaa keessatti jiʼa tokko tokko nyaata dhiʼeessu ture.8Maqaan isaaniis kanaa dha:
Ben-Huur, biyya gaaraa Efreemitti;9Ben-Deqeer Maqaazitti, Shaʼalbiimitti, Beet Shemeshittii fi Eeloon Beet Haanaanitti;10Ben-Heseed Aruboot keessaa, Sookootii fi biyyi Heefer guutuun kan isaa ture;11Ben-Abiinaadaab, Naafoot Dooritti Xaafati intala Solomoon fuudhee ture;12Baʼanaan ilma Ahiiluud, biyya Taʼanaakii fi Megidootti akkasumas Beet Sheʼaan Zaaretaanitti aanee Yizriʼeel gad jiru guutuutti, Beet Sheʼaanii jalqabee hamma Yoqemiʼaam ishee Abeel Mehoolaa gamatti;13Ben-Geeber Raamoot Giliʼaad keessatti qubatawwan Yaaʼiir ilma Minaasee kanneen Giliʼaad keessaa, akkasumas biyyi Argobbi kan Baashaan keessatti argamuu fi magaalaawwan gurguddaan dallaan itti ijaaramee danqaraawwan balbalaa kanneen naasii irraa hojjetaman qaban jaatamni kan isaa turan.14Ahiinaadaab ilma Iddoo, Mahanayiim keessatti;15Ahiimaʼaz, Niftaalemitti; innis Baasmati intala Solomoon fuudhee ture;16Baʼanaan ilmi Huushaayi, Aasheerii fi Baʼaalooti keessatti;17Yehooshaafaax ilmi Faaruuwaa, Yisaakor keessatti;18Shimeʼiin ilmi Eelaa, Beniyaam keessatti,19Geber ilmi Uuri biyya Giliʼaad jechuunis biyya Sihoon mooticha Amoorotaatii fi biyya Oogi mooticha Baashaan keessatti; isa qofatu biyya sana bulchaa ture.