1 Seenaa3gaz_bib
Ilmaan Daawit
1Isaan kunneen ilmaan Daawit Kebroonitti dhalchee dha:Ilmi isaa hangafni Amnoon kan Ahiinooʼam dubartiin Yizriʼeel deessee dha; inni lammaffaan immoo Daaniʼel kan Abiigayiil dubartiin Qarmeloos deessee dha;2sadaffaan Abesaaloom isa Maʼakaan intalli Talmaay mooticha Geshuur deessee dha; afuraffaan Adooniyaa ilma Hagiit;3shanaffaan Shefaaxiyaa ilma Abiixaal; jaʼaffaan Yitreʼaam kan inni niitii isaa Eglaa irraa dhalchee dha.4Isaan jaʼaan kunneen warra yeroo Daawit Kebroonitti waggaa torbaa fi walakkaa mootii turetti isaaf dhalatanii dha.
Daawit Yerusaalemitti waggaa soddomii sadii mootii taʼee bulche;5ijoolleen achitti isaaf dhalatanis kanneenii dha:
Shimeʼaa, Shobaab, Naataanii fi Solomoon. Ilmaan afran kunneen Batisheebaa intala Amiiʼeel irraa dhalatan.6Akkasumas ilmaan biraa qaba ture; isaanis: Yibehaar, Eliishuuwaa, Eliiphelexi,7Noogaa, Nefeg, Yaafiiyaa,8Eliishaamaa, Eliyaadaa fi Eliiphelexi; isaanis walumatti ilmaan sagal turan.9Ilmaan saajjatoowwan isaa irraa dhalataniin alatti isaan kunneen ilmaan Daawit turan. Taamaar immoo obboleettii isaanii turte.