1Ani ammalle yennaa ilaalee, kitaaba maramaa tokko gubbaa irra ka'uundhagge;2ergamaan Waaqaa, «Ati maan dhaggiisatti jirta?» jedhee na gaafate; anille deebisee, «Kitaaba maramaa dheerinni isaa ciqilee diddama, badhinni isaa ciqilee kudhan te'e tokko gubbaa irra ka'uun dhagga» jedheen.3Innille, «Kun abaarsa lafa duudii irratti dhufu. Kitaaba maramaa san gama tokko irratti, ‹Nami hatu duudiin lafa irraa hin bada› ka jedhutti jira; gama kaan irralle'etti ‹Nami dharaan kakatu duudiinille hin bada› ka jedhutti jira.4Mootiin Waan Mara Ka Waan Mara Dade, ‹Ani abaarsa gara mana nama hatuutii fi gara mana nama dharaan kakatuu seenu hin erga; inni mana isaanii keessa turee, mana isaanii mukaa fi dhakaa isaalle hin balleessa› jedha» jedhe.
Mudhii Dubartii Saaxaraa Keessaa
5Achiin duuba ergamaan Waaqaa gara kiyya dhufee, «Ol ilaal! Wonni dhufaaru kun maan inni?» anaan jedhe.6Anille, «Wonni kun maan?» jedhee gaafadhe. Inni deebisee, «Kun kollonjoo cubbuu lafa duudii irratti hujantu mudhisu» jedhe.7Qadaadi saaxara'aa ka irsaasa irraa hujame sun yennaa baname, dubartittiin takka saaxaraa san keessa teetteertuun dhagge.8Ergamaan Waaqaalle, «Dubartittiin tun hammeenna mudhitti» jedhee, isii saaxaraa san keessa gad dhiibee, qadaaddaa saaxara'aa itti qadaade.9Achiin duuba ol ilaalee, dubartooti lama koolaan ka'aa gara kiyya dhuttuun dhagge; koolli isaanii akka koola qonga'aa jira; isaan saaxaraa san fuudhanee lafa irraa ka'anee, gubbaa irra koolaan ka'ane.10Anille ergamaa Waaqaa ka na woliin dubbatiisatti jiruun, «Saaxaraa eessa geessaaran?» jedhee gaafadhe.11Inni deebisee, «Mana saaxaraa saniif ijaariisaaf gara Baabiloniigeessaaran; mana ijaaranee fixaneen duuba saaxaraa san achi keyan» anaan jedhe.