Zakaariyaasii Raagichaa3gax_twf

Mudhii Zakaariyaas Marroo Hayyicha Gudda'aa Dhagge

1Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Hayyichi Guddaan Iyaasuun ergamaa Mootii Waan Maraa dura dhaabbateeruun, Seexannille Iyaasuu himatiisaaf midda isaatitti dhaabbateeruun natti mudhise.2Ergamaan Mootii Waan Maraa Seexanaan, «Seexana, Mootiin Waan Maraa si xixu! Mootiin Waan Maraa ka Yerusaalem filate si xixu! Namichi kun akka muka ibidda irraa butameetii motii ree?» jedhe.3Yennaa san Iyaasuun woyaa xurootte uffatee, ergamaa Mootii Waan Maraa dura dhaabbateera.4Ergamaan sun worra isa dura dhaabbateeru saniin, «Woyaa isaa xuroottuu san irraa baasa'a!» jedhe; Iyaasuulle'een, «kunoo, ani cubbuu teeti si irraa balleesseera; woyaa ulfinnaalle sitti hin uffisa» jedhe.5Achiin duuba ani, «Marata mata'aa qulqulluu mataa isaatitti mara'a!» jedhe; isaanille adoo ergamaan Mootii Waan Maraa achi dhaabbateeruu, marata qulqulluu itti maranee, woyaalle itti uffisane.6Eega san ergamaan Mootii Waan Maraa Iyaasuu ifi eeggachiisee,7«Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Deensi keeti akka fedha kiyya yoo te'e, waan ani si ajaje yoo eeggatte, Galma kiyyaaf bulchaa, badhinna dalleya kiyya keessaa mara irratti itti gaafatamaa hin teeta. Ergantoota Mootii Waan Maraa ta as dhaabbataneeranu oddu'utti mirga si'iif hin kenna.8Iyaasuu hayyicha gudda'a, dhage'i! Isin worri hayyumma'aan isa woliin tajaajiltanuu fi waan dansaa gara duraa te'uu jiruuf, beessisa teetane dhage'a'a: ani kunoo, dameen Daawitii garbichi kiyya akka dhufu hin godha.9Kunoo, ani dhakaa iloo torba qabu tokko Iyaasuu dura hin keya; ani dhakaa san irratti barreeffama, «Ani guyyaa tokkotti yakkaa lafa tanaa irraa hin balleessa» jedhu hin barreessa.10Guyyaa san nami tokko tokkoonuu, muka woyni'iitii fi haru'uu jalatti ollaa ifii hin affeera› jedha» jedhe.