Mudhii Marroo Wodaroo Miki'ii
1Ani ol ilaalee, nama wodaroo miki'ii harkatti qabateeru tokko dhagge.2Anille, «Eessa dhaqaarta?» jedhee isa gaafadhe. Inni deebisee, «Yerusaalem hagam akka badhattuu fi hagam akka dheerattu mikee ilaaliisa dhaqaara» naan jedhe.3Achiin duuba ergamaa na woliin dubbate sun gara duraa deemuun, ergamaan dhibiin isa wolde'iisaaf dhufee,4«Rukkisiitii dargaggeessa saniin, ‹Yerusaalem keessa kolbaa heddu'uu fi horiin hedduun waan jiranuuf qachaa dalleenni dhaka'aa itti hin ijaaranne teeti.5Ani adaala Yerusaalemiititti dalleya dhaka'aa ka ibiddaa hin te'a; isii keessattille ulfinnaa hin te'aaf› jedha Mootiin Waan Maraa» jedhiin.Worri Booji'ame Biyyatti Akka Deebi'u Waamame
6Mootiin Waan Maraa, «Ani maddii afurittuu waan isin bittinneesseeruuf, lafa kaabaatii baqadha'a! Baqadha'a!7Isin worri booji'antanee Baabilon keessa leetanu gara Yerusaalemii deebi'a'a!8Nami isin tuqu gumaa ila tiyyaatuqa» jedha; kana Mootii Waan Maraatittuu dubbate. Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ulfinna naaf kennee, gosa biyya adda addaa ta isin saantetti na ergee,9«Kunoo, ani harka kiyya isaan irratti ol hin fudhadha; garbooti isaaniille isaan hin saaman» jedha. Achiin duuba isinille Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade akka na erge hin beettan.10Mootiin Waan Maraa, «Isin kolbaa Xiyoonii, kunoo ani dhufee odduu teessan waan le'uuf, ilillisa'aa gammada'a» jedha.11Guyyaa san gosi biyya adda addaa hedduun gara Mootii Waan Maraa dhufanee, gosa isaa hin te'an. Innille odduu isaanii hin le'a; akka Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade gara keessan na erge hin beettan.12Mootiin Waan Maraa lafa woyyittii keessaa Yihudaa lafa ifii hin godhata; ammalle Yerusaalem hin filata.13Mootiin Waan Maraa addee woyyittii ifiitii waan dhufaaruuf, kolbaan duudiin isa duratti cadhisa'a.