Zakaariyaasii Raagichaa13gax_twf

1Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Guyyaa san maddi cubbu'uu fi battummaa isaanii qulqulleessu, sanyii Daawitiitii fi worra Yerusaalem keessa le'anuuf hin banama.2Guyyaa san maqaa waaqota dharaa lafa irraa hin balleessa; nami deebi'ee isaan qaabatu hin jiraatu; raagota dharaatii fi ayyaana battiille lafa irraa hin balleessa.3Gaafas eennulle yoo raaga dubbate, abbaan isaatii fi haati isaa, ‹Ati maqaa Mootii Waan Maraatiin soba waan dubbatteef, du'uu qadda› jedhaniin. Yennaa inni raaga dubbatu abbaan isaatii fi haati isaa, isa woraanane ijjeesan.4Guyyaa san raagaan tokko tokkonuu raaga mudhi'iin dhagge saniif hin qaanowa; namootalle sobiisaaf woyaa rifeensa qaddu hin uffatu.5Inni, ‹Ani qonnaan bula'a malee, raaga'aa moti; ani ijoollumma'aan jalqabee nama lafa qotu› hin jedha.6Nami tokko, ‹Madaan nafa keeti irraa tun maan?› jedhee yoo isa gaafate, inni deebise, ‹Mana jaala kiyyaatitti madowe› hin jedhan» jedha.

Tisseen Dhowame, Hooleen Bittinnootte

7Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Ee, shallaaga'a!«Tissee kiyya irratti, jaala ani addadhu irratti ka'i!Hooleen akka bittinnoottuuf, tissee dhowi!Ani harka kiyya, buruusoo irralle'etti hin deebifadha.8Lafa duudii keessaa, kolbaa harka sad keessaa,harki lama dhowamee hin bada;teetuu malee harka sad keessaa,harki tokko hin hafa.9Worra hafe harka sad san, ibidda keessa buusa;akkuma meetiin ibiddaan qulleeffantu,isaan hin qulleessa;akkuma worqiin ibiddaan haga ilaallantu,isaan haga hin ilaala.Isaan maqaa kiyya hin waamananille isaaniif hin dhage'a.Ani, ‹Kolbaa tiyya› isaaniin hin jedha;isaanille, ‹Mootiin Waan MaraaWaaqa keenna› hin jedhan» jedha.