Ergantoota Waaqaa Torbaa Fi Balaa Torba
1Achiin duuba beessisa gudda'aa fi kancira te'e tokkolle ol-gubba'atti dhagge. Ergantoota Waaqaa ta balaa muumme'ee torba qabatteertu dhagge; mufiin Waaqaa isaaniin waan muummottuuf, ka muumme'ee jedhamane.2Ammalle waan ibiddaan makameeru ka abbaayaa daaw'iti'ii fakkaatu tokko dhagge; worra bineensa, fakki'ii fi laakkossa maqaa isaa injifateerulle, cinaa abbaayaa sanii dhaabbataneeranuun dhagge. Isaanille kiraara guddicha Waaqa biraa kenname qabatanee,3faaruu garbicha Waaqaa ka Muuse'eetii fi Ka Hoolichaa faarfatanee,«Waaqa Goottaa waan mara dandeettu,hujiin teeti guddo'oo fi baasa!Ati mootii gosa biyya adda addaa ,karaan keeti qajeela'aa fi dhuga'a!4Gootta'a! Nami si hin sodaanne,ka maqaa keetille hin guddinne eennu?Si calla'attuu woyyicha;hujiin teeti balchittiin waan mudhatteef,gosi biyya adda addaa mara dhufee,si'iif hin sagada» jedhane.5Kanaan duuballe'etti waan dhibii dhagge. Galmi Waaqaa ka ol-gubba'aa, ka dunkaanii dhugaa bayaa jedhamu baname;6ergantooti Waaqaa ta balaa torba qabatteertu, Galma Waaqaa keessaa gadi bayane; isaan woyaa quncee talba'aa irraa hujante, adii calalaxxu uffatanee qoma ifiille hidhata worqi'iitiin hidhataneeran.7Achiin duuba dada lubbuu qaddu afur keessaa tokkochi, qorii worqi'ii torba ta mufii Waaqa bara baraa haga bara baraa jiraatuutiin guutanteertu, ergantoota Waaqaa torba sanii kenne.8Galmi Waaqaa sunille aara ulfinnaa fi hunna Waaqaatiin guutame; haga balaan torba ka ergantoota Waaqaa torbaa muummottutti, eennulle gara Galma Waaqaa seeniisaaf hin dandeenne.