Kitaaba Faaru'uu9gax_twf

Waaqa Muraa Haqaa Muruuf Galata Dhikaate

Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta akka yoyyoma faaruu, «Du'a ilmaa» jedhantee beekkantutti faarfatante.

1Ee Mootii Waan Maraa, ani gadhaa tokkochaan si leellisa;baasa ati goote mara hin odeessa.2Ani sitti gammadee hin burraaqa;Waaqa Ol Aana'a,ani faaruu leellisaa maqaa keetiif hin faarsa.
3Diinoti kiyya gara duubaa yennaa deebi'anu,isaan gufatanee fuula keeti duraa badan.4Ati haqa kiyyaa fi haajaa kiyya waan ilaalteef,barcumaa mootumma'aa keeti irra teettee,muraa haqaa murteerta.
5Ati gosa biyya adda addaa xixxee,hamaaleyyii balleessite;maqaa isaaniille bara baraa haga bara baraahaxoottee balleessite.6Diinoti keenna haga bara baraa dhumataneeran.Qachooti gugurdaan isaanii badaneeran;Duufeyi isaaniille ijjumaa badeera.
7Mootiin Waan Maraa ammoohaga bara baraa bulcha;inni mura'aaf,barcumaa mootumma'aa ka ifiijabeessee dhaabbateera.8Inni balchumma'aan biyya lafaa hin bulcha;gosa biyya adda addaa haqaan bulcha.9Mootiin Waan Maraa worra cunqurfameef,addee itti baqatanu;yennaa rakko'oo dalleya jaba'a.
10Ee Mootii Waan Maraa,ati worra si barbaadu waan hin lakkinneef,worri maqaa keeti beeku sitti addata.11Mootii Waan Maraa ka Xiyoon keessa te'ee bulchuuf,faaruu leellisaa faarsa'a.Waan inni godhe maragosa biyya adda addaa oddu'utti odeessa'a.12Inni dhiiga dhangala'eef haluu hin baya;iyya worra cunqurfameelle hin dedhu.
13Ee Mootii Waan Maraa, naaf marari.Rakkoo diinoti kiyya natti fidanu ilaali;du'a irraa na hamburi.14Achiin duuba ani karra qachaa Xiyoonii keessattiwaan ittiin si leellisu mara isaanitti hin hima.Ati waan na fayyitteef,gammadaan firinxiixa.15Gosi biyya adda addaaboolluma ifii qotane bu'ane;miilli isaanii tiyyuma isaan afaneen qabame.16Mootiin Waan Maraa,muraa ifii balchitti'iin ifi beessise;hamaaleyyiin hujuma harka ifiitiin qabamane.
17Worri hamaaleyyi'ii figosi biyya adda addaa ka Waaqa dedhu marti,gara addee worri du'e jiruu gad hin bu'an.18Worri rakkataan ammooyoomille hin dedhamanu;addiin worra hiyyeeyyi'iillehaga bara baraa baddee hin hattu.19Ee Mootii Waan Maraa, ka'i!Nami hin mootomin;gosi biyya adda addaasi duratti muraa dhaggattuu ti.20Ee Mootii Waan Maraa,akka isaan si sodaatanu godhi;nama foon uffate te'uu isaanii akka beekanu godhi.