Kitaaba Faaru'uu89gax_twf

Addatamummaa Waaqaa

Wolaloo Etaanii Ezraahichaa

1Ee Mootii Waan Maraa, ani marroo jaalala keeti ka bara baraa,yennaa mara hin faarfadha;addatamummaa teeti dhaloota maraaf,afaan kiyyaan hin lallaba.2Jaalalli keeti ka bara baraajabaatee akka dhaabbate,addatamummaa teetilleakka ol-gubba'aa akka ati dhaadde,ani hin lallaba.3Ati, «Ka filadhe woliin gondooroo godheera;tajaajilaa kiyya Daawitiif,4‹Sanyii teeti haga bara baraa hin jabeessa;barcumaa mootummaa teetiidhalootaa haga dhalootaatitti hin dhaaba›jedhee kakadheera» jetteerta.
5Ee Mootii Waan Maraa,ol-gubbaan bilbaasa keeti,yaa'iin woyyootaaaddatamummaa teeti leellifatanuu ti.6Ol-gubbaa keessattika Mootii Waan Maraatiin wol qixxawu eennu?Ergantoota Waaqaa ta ol-gubba'aa keessaaka akka Mootii Waan Maraa jiru eennu?7Yaa'ii woyyittii keessattiMootiin Waan Maraa guddoo ka sodaatame;worra adaala isaa jiru mara caalaa sodaachisa'a.
8Ee Mootii Waan MaraaWaaqa Waan Mara Dande'u,ka akka keetii eennu?Ati jaba'a;Ati waan maraan addatama'a.9Ati bulpheessa abbaaya'aa irratti baallii qadda;danbaliin isi'ii yennaa kaatulle, hin sarmisiitta.10Bineensa akka jawwe'ee ka, «Rahaab» jedhamu,akka waan qalameetitti butuchite;irree teeti jaddu'uun diinota keeti bittinneessite.11Ol-gubbaan teeti; lattille teeti;biyya lafaatii fi waan isii keessaa mara ka dade si'i.12Kaabaa fi kibballe sittuu dade;gaarri Taaboriitii fi gaarri Hermooniimaqaa keetiif ilillisan.13Ati irree hunnaamettii qadda;harki keeti jaba'a;hunna teeti mudhisiisaafharki keeti middichi ol ka'eera.14Barcumaan mootumma'aa keetibalchumma'aa fi haqa irra dhaabbateera;jaalalaa fi addatamummaan siin dura deeman.
15Ee Mootii Waan Maraa,Kolbaan ilillisaa si leellittu,ta ifa fuula keeti duraa keessa ideentu gammadduu ti.16Isaan guyyaa guutuu maqaa keetitti gammadan;balchummaa teetille'een si leellisan.17Ati ulfinnaa fi jabeenna isaanii waan teeteef,fudhatama si biraa dhagganneen injifanna.18Wonteen teenna ta Mootii Waan Maraa ti;mootiin keennalle ka Woyyicha Israa'elii ti.

Addii Waaqi Daawitiif Kenne

19Ati yennaa takka tajaajiltoota addatantoota teetitti,mudhi'iin dubbattee,«Janna tokkoof qarqaarsa kenneera;dargaggeessa tokkoodduu kolba'aatii filee ol kaaseera.20Tajaajilaa kiyya Daawiti dhaggadheera;zayitii tiyya woyyitti'iin isa muudeera.21Harki kiyya isa woliin hin jiraata;irreen tiyyalle isa hin jabeessiti.22Diinni isa hin injifatu;nami hamaalle gad isa hin qabu.23Ani nyaaphota isaafuula isaa duratti hin butucha;worra isa jibbulle gad dhowa.24Addatamummaan tiyyaa fimarartiin tiyya isa woliin hin jiraatan;maqaa kiyyaan hin injifata.25Ani harka isaa abbaayaa irra,harka isaa middichallelagoota irra hin keya.26Inni, ‹Ati abbaa kiyya, Waaqa kiyya,rassaa fayyinna kiyyaa ti› naan hin jedha.27Anille ilma kiyya angafa,ka mootota biyya lafa mara caalu isa hin godha.28Ani haga bara baraa isa jaaladha;gondooroon ani isa woliin godhelleijjumaa hin diigantu.29Sanyiin isaa haga bara baraa,barcumaan mootummaa isaalleakka ol-gubba'aa jabaatee akka dhaabbatu hin godha.
30«Ijoolleen isaa ammooseera kiyya yoo diidde,akka ajaja kiyyaatitti yoo deemuu dhadde,31seerata kiyya yoo diigane,ajaja kiyya yoo eegatuu dhabane,32ani cubbuu isaaniitiif ule'een isaan adaba;yakkaa isaaniitiif isaan hin dhaana.33Ammoo ani Daawiti jaalatiisa hin lakkisu,yookiin addatamummaan ani isaaf qabusoba hin teetu.34Ani gondooroo tiyya hin diigu,yookiin dubbii afaan kiyyaa baatelle hin jijjiiru.
35«Ani takkaa woyyummaa tiyyaan kakadheera;ani Daawiti hin sobu.36Sanyiin isaa haga bara baraa,barcumaan mootummaa isaalleakka adu'uu fuula kiyya dura hin jiraata.37Mootummaan Daawitii,akka ji'a dhugaa bayaa addatamaa gubba'aa,haga bara baraa jabaattee hin dhaabbatti» jette.38Amma ammooati ka muuddee mootii gooteetitti mufattee,isa tuffattee gatteerta.39Ati gondooroo tajaajilaa keeti woliin goote diiddee,kallacha isaa bukuu keessatti gattee batteessite.40Ati dalleya isaa mara jissitee,kushee isaalle diidde.41Worri achiin dabaru marti isa saamane;inni murgoo olloota ifii te'e.42Nyaaphota isaatiif jabeenna kennitee,diinota isaa mara gammachiitte.43Qara shallaagaa isaagara duubaa garagalchite;lola keessalle'etti isa hin qarqaarre.44Ulee bokku'uu ta isaa harkaa fuutee,barcumaa mootummaa isaalle lafatti jissite.45Bara dargaggummaa isaa itti gabaassitee,qaanii itti uffitte.
46Ee Mootii Waan Maraa,tun haga yoomii teeti?Ati haga bara baraaifi dhoffattaa ree?Haga yoomii mufiin teetiakka ibiddaa bobeetti ree?47Barri jiruu tiyyaaattam attam gabaabaa akka te'e yaadadhu;ati ilmaan namaa waan bu'aa hin qanneef daddee ree?48Nami ijjumaa hin du'in le'uu dande'u eennu?Awwaala jalaa ka miliquu dande'u eennu?
49Ee Gootta'a,jaalalli keeti ka bara baraa guddaan durii,ka ati addatamummaa teetiinDaawitiif kakatte meet ree?50Ee Gootta'a,ana tajaajilaa keetitti attam attamakka isaan murgane,ani arraba gosa biyya adda addaa maraattam attam akka ossadhe qaabadhu.51Ee Mootii Waan Maraa,diinoti keeti ka ati muuddee mootii goote salphisan;lafa inni dhaqu maratti itti murgan.
52Mootiin Waan Maraa haga bara baraa leellifamu!Ameen! Ameen!