Kitaaba Faaru'uu88gax_twf

Daadimata Qarqaarsa Waaqaa Dhaggatiisaaf Dhikaate

Sooressa faarfattootaatiif, faaruu ilmaan Qoraahii, ta akka yoyyoma faaruu, «Mahalaat» jedhantuun faarfante; barsiisa Hemaanii Ezraahichaa.

1Ee Mootii Waan MaraaWaaqa fayyinna kiyyaa,ani fuula keeti durattihalkanii fi guyyaa gara keeti iyya.2Daadimati kiyya si bira gewuu ti;gurra keeti gara iyya tiyya deebifadhu.3Lubbuun tiyyarakkinnaan waan guutanteef,jiruun tiyyagara addee worri du'e jiruu dhikaatteerti.4Ani worra gad gara boollaa dhaqu oddu'uttilaakkowame;ani akka nama hunna hin qannee te'e.5Ani akka nama worra du'e keessatti gatamee,akka worra ijjeefamee awwaala keessa ciisuu,akka worra ati deebitee hin qaabannee,ka ati ijjumaa hin qarqaarree te'e.6Ati boolla qilee,qilee dukkanaa keessa na buutte.7Mufiin teeti ulfaattee na irra ciitteerti;ati danbalii mufii teetii marana irra danbalaatteerta.
8Firooti kiyyaakka na irraa fagaatanu gooteerta;akka isaan na diqatanu gooteerta;akka ani miliquu hin dandeenne,balbalti natti cufanteerti.9Ilti tiyya gaddaan caararrootteerti;ee Mootii Waan Maraa,guyyuma guyya'aan ani si waammadha;harka kiyyalle gara keeti diriirsa.
10Ati worra du'eeruufwaan maade'ee hin hujjaa ree?Ekeraan kaatee si leellifattii ree?11Jaalalli keeti ka bara baraaboolla awwaalaa keessatti,addatamummaan teetiaddee badi'ii keessattihin lallabantii ree?12Hujii teeti ta bilbaasaa dukkana keessatti,yookiin balchummaan teetilafa dedhante keessatti hin beekkantii ree?
13Ee Mootii Waan Maraa, ani ammoo,qarqaarsa dhaggatiisaaf gara keeti iyya;ganama ganamaandaadimati kiyya si dura dhikaata.14Ee Mootii Waan Maraa,ati maaf ifi irraa na fageessita?Ati maaf fuula keeti na dhoffatta?15Ani dargaggummaa tiyya irraa jalqabee,farree du'a geyeera;bararassiisa keeti irraa ka ka'ewaan godhu wollaaleera.16Mufiin teeti na irra buuteerti;bararassiisi keetille na balleesseera.17Mufiin teetii fi bararassiisi keetiguyyaa guutuu akka lola'aa na marsane;gara maraan karaa natti cufane.18Ati lansootaa fi jaalota kiyya na irraa fageessite;dukkanti callaan jaala kiyya naaf teete.