Kitaaba Faaru'uu86gax_twf

Daadimata Qarqaarsa Waaqaa Dhaggatiisaaf Dhikaate

Daadimata Daawitii.

1Ee Mootii Waan Maraa, ani hiyyeessa rakkataa waan te'eef,gurra keeti gara kiyya deebifadhuutii,naa dhage'i.2Ani waan si'iif ifi kenneeruuf,jiruu tiyya eegi;tajaajilaa keeti ka sitti addatu baasi;ati Waaqa kiyya.
3Ani guyyaa guutuu gara keeti waan iyyuuf,ee Mootii Waan Maraa, na marari.4Ee Mootii Waan Maraa,ani lubbuu tiyya sitti waan kennadheeruufana tajaajilaa keeti gammachiisi.5Ee Mootii Waan Maraa, ati dansa'a;namaafille hin araaranta;worra si waammatuuf,jaalala keeti ka bara baraa hin baceessita.
6Ee Mootii Waan Maraa, daadimata kiyya dhage'i;iyya gaaffii tiyyaa caqasi.7Ati waan deebii naa kennituuf,ani guyyaa rakkinna kiyyaasi waammadha.
8Ee Mootii Waan Maraa,waaqota keessaa ka akka keetii hin jiru;hujiin akka hujii teetiille hin jirtu.9Gootta'a, kolbaan biyya adda addaata ati dadde marti gara keeti dhuttee,si'iif hin sagaddi;maqaa keetiifille ulfinna hin kenniti.10Ati guddaa waan teeteef,hujii baasaa hin hujja;ati callaan Waaqa.11Ee Mootii Waan Maraa,ani dhugaa teetiin akka deemuuf,karaa keeti na barsiisi;Akka ani maqaa keeti sodaadhuuf,nama gadhaa tokkochaa na godhi.12Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya,ani gadhaa tokkochaan si galateeffadha;maqaa keetiifillehaga bara baraa ulfinna hin keenna.13Jaalalli keeti ka bara baraaka ati naaf qaddu gudda'a;ati lubbuu tiyyaqilee addee worri du'e jiru irraa hamburteerta.14Ee Waaqa,worri bondhooru na irratti ka'eera;goliin worra gadhaa jabaatuu,lubbuu tiyya balleessiisaaf barbaadan;isaan woyittuu si hin laakkowanu.15Ee Gootta'a, ati ammoo,Waaqa mararaa arja'a;aari'iif hin ariifattu;jaalalli keeti ka bara baraatii fiaddatamummaan teetille baca'a.16Gara kiyya deebi'ii, na marari;hunna teeti ana tajaajilaa keetiif kenni;ana ilma garbittii teetii baasi.17Ee Mootii Waan Maraa,ati waan na qarqaarteena jajjabeessiteef,diinoti kiyya dhagganee akka fokkifatanu,beessisa fudhatama keeti dhaggatiisaana irratti mudhisi.