Kitaaba Faaru'uu82gax_twf

Waaqi Bulchaa Ol Aana'a

Faaruu Asaafii.

1Waaqi yaa'ii ol-gubba'aa keessa dhaabbata;waaqota oddu'utti muraa kenna.2Inni, «Isin haga yoomiimuraa sirrii hin te'in murtan?Haga yoomii worra hamaaleyyi'iif golii teetan?3Worra dadhaba'aa fiijoollee abba'aa fi haadha hin qanneef,dhugaa mura'a;worra hiyyeeyyi'ii fi worra cunqurfamaahaqa isaanii eega'a.4Worra dadhaba'aa fi hiyyeeyyii hambura'a;harka worra hamaaleyyi'ii keessaa isaan baasa'a.
5«Worri hamaaleyyiin hin beekanuyookiin womaa hin hubatanu;dukkana keessa deddeebi'an;hundeen lafaa duudiin raafante.6Anille, ‹Isin waaqota;marti keessanuuilmaan Waaqa Ol Aana'aa ti› jedhe.7Te'uu malee, isin akkuma namaa hin duutan;akkuma bulchaa tokkoo hin jiddan» jedhe.
8Gosi biyya adda addaa teeti waan teeteef,ee Waaqa ka'ii, biyya lafaa irratti muraa kenni.