Kitaaba Faaru'uu81gax_twf

Faaruu Guyyaa Jilaa

Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Asaafii ta suusulle'een faarfatante

1Waaqa jabeenna keenna te'eef,qoonqoo guddo'oon faarsa'a;Waaqa Yaaqoobiitiif ilillisa'a.2Faaruu jalqaba'a; dibbeelle dhowa'a;maseenqoo namatti toltuu fikiraara guddicha dhowa'a.3Baatii ji'aatitti, goobana ji'aatitti,guyyaa jila teennaatitti tultullaa afuufa'a.4Kun Israa'eliif seerata;ajaja Waaqa Yaaqoobii ti.5Inni yennaa biyya Gibxi'ii dhowiisaaf baye,ajaja kana ijoollee Yoseefiitiif kenne.Qoonqoon ani dur hin beenne takka,6«Ani gurmuu teessan irraa ba'aa buuse;harka keessan kollonjoo qabatiisa irraa bilisa baase.7Isin rakkinna keessa na waammattane;anille isin baase;addee gollaa jirtu,duumensa mandi'u keessaa deebii isinii kenne;ani bisaan Mariiba'aa biratti haga isin ilaale.8Ee kolbaa tiyya,yennaa ani ifi isin eeggachiisu dhage'a'a;ee Israa'el, adoo naaf dhageettanee jiraattanee,attam attam dansa'a!9Waaqoti alagaan odduu teessan hin jiraatin;waaqota ormaaf hin sagadina'a.10Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan,ka lafa Gibxi'ii keessaa isin baase;afaan keessan badhisa'aatii banadha'a;anille hin guuta.
11«Kolbaan tiyya ammoo na hin dhageenne;Israa'el naaf hin ajajanne.12Maarre ani mataa jabeeyyii akka te'anuuf,yaada ifiille akka hordofanuuf isaan lakkise.13Kolbaan tiyya adoo naaf dhageettee jiraattee,Israa'el adoo karaa kiyya ideentee jiraattee,14ani silaa ariiti'iindiinota isaanii hin jilbiissisaayyu;harka kiyyallegara nyaapha isaanii hin deebifadhaayyu.15Worri ana Mootii Waan Maraa jibbuna duratti hin jiganiiyyu;adabbiin isaaniillehaga bara baraa hin teetiiyyu.16Ani ammoo silaaqamadii dansaa isin Israa'el areeraayyu;damma hollaalle isin quussaayyu» jette.