Kitaaba Faaru'uu
76
/
gax_twf
Injifatiisa Waaqaa
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Asaafii ta meya ribu'uutiin faarfatante.
1
Waaqi biyya Yihuda'aatitti beekkama'a;
Israa'el keessatti maqaan isaa gudda'a.
2
Dunkaaniin isaa Yerusaalem keessa;
addeen woyyittiin isaa gaara Xiyoonii irra.
3
Inni achitti daaya balaqqisaa deentu,
wontee, shallaaga'aa fi
meya woraanaa mara caccasse.
4
Ee Waaqa ati attam attam ulfaata'a!
Arnyi keeti gaarota gugurdaa caala.
5
Worri jannooti saamamanee,
akka malee rafaneeran;
isaan keessaa tokkolle,
harka ifiitiin womaa hujuu hin dandeenne.
6
Ee Waaqa Yaaqoobii,
xixicha keetiin
abbaan fardaatii fi fardi isaalle jigane.
7
Ati ammoo sodaatama'a;
yennaa aariin teeti kaate,
eentu si dura dhaabbatuu dande'a?
8
Ati ol-gubbaa irraa muraa teeti lassite;
biyyi lafaalle sodaattee cadhitte.
9
Ee Waaqa,
worra biyya lafaa irratti cunqurfame wodiisaaf,
yennaa ati muraa kenniisaaf kaate,
biyyi lafaa cadhitte.
10
Mufiin teeti waan hantuu waan mormituuf,
kolbaan si leellifatti;
worri mufii teeti irraa hafe
waan hantuu hujiisa hin lakkisa.
11
Waaqa Mootii Waan Maraa keessaniif
waadaa gala'a;
waan waadaa galtane san muummessa'a.
Worri lafa adaala isaa jiru marti
ka sodaatamu'uu maleef kennansa fidanuu ti.
12
Inni qondaaltota kooranu gad qaba;
mootota lafa irraalle akka malee sodaachisa.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter