Kitaaba Faaru'uu74gax_twf

Kolbaan Akka Baatuuf Daadimata Dhikaate

Wolaloo Asaafii.

1Ee Waaqa, ati maaf ijjumaa nu lakkitte?Hoolota tika keeti jala jiranu irratti,aariin teeti maaf bobeette?2Kolbaa teeti ta durii jalqaddee ifiif filatte,ta gosa teeti akka te'anuufgarbummaa keessaa wodatte,gaara Xiyoonii,ka dhuttee irra qubatte qaabadhu.3Diinoti waan mana keeti keessaamara balleessaneeran;koyiitii waan diigamee hafe kana ilaali.
4Diinoti keeti mana keeti keessaa bookkisane;beessisa ifii ittiin beekkamanulleachi dhaabbataneeran.5Isaan namoota gongomaa keessaa muka muriisaaf,agaraa fudhatanu fakkaatan.6Seesa muka irraa qiriixamee hujame mara,agara'aa fi burrisaan butuchane.7Isaan mana keeti ibiddaan gubane;addee maqaan keeti itti waamamu batteessane.8Isaan gadhaa ifii keessatti,«Ijjumaa isaan hin balleessina» jedhane;isaan lafa san keessattiaddee Waaqi itti waaqonfamu mara gubane.
9Haganaa achi beessisi hin jiraatu;raagille hin jiraatu;Kun haga yoomii akka te'u,nu keessaa nami beeku hin jiru.10Ee Waaqa haga yoomii diinoti sitti murgan?Haga yoomii nyaaphoti maqaa keeti tuffatan ree?11Ati maaf isaan hin adabin?Maaf isaan hin balleessin?
12Ee Waaqa, durii duriitii jalqaddee,ati mootii kiyya;ati fayyisiisa keetilafa irratti fidde.13Ati hunna teetiin abbaayaa gargar kutte;mataa bineensota jawwee fakkaatuuka abbaayaa keessaa butuchite.14Ati mataa hedduu bineensa naacha fakkaatuka abbaayaa keessaaka, «Lewaataan» jedhamu butuchite;foon isaa bineensota goomole'eetiif,sagalee gootee kennite.15Ati maddaa fi caancoo akka maddu goote;laga yennaa mara yaa'u gossite.16Guyyaan keeti; halkanille keeti;adu'uu fi ji'alle addee isaaniititti sittuu keye.17Ka meessaa lafaa tolche si'i;bonaa fi gannalle sittuu dade.
18Ee Mootii Waan Maraa,diinoti keeti attam akka si irratti murgane,kolbaan gowwaanmaqaa keeti attam akka tuffatte qaabadhu.19Lubbuu kolbaa teetii worra akka saphaliisaa,bineensatti dabarsitee hin kennin.Jiruu kolbaa rakkattuu teetiihaga bara baraa hin dedhin.
20Lafa addee dukkanaa keessatti,hunnaan nama irratti ka'iis waan guuteeruuf,ati gondooroo teeti qaabadhu.21Worri cunqurfame fokkifateeakka deebi'u hin godhin;worri hiyyeeyyi'ii fi deegimaqaa keeti leellisanuu ti.
22Ee Waaqa ka'i! Waan keeti falmadhu;worri gowwaanguyyaa guutuu akka sitti murgu qaabadhu.23Hogaa nyaapha keetiitii fiharqiisa diina keetii hin dedhin.