Kitaaba Faaru'uu70gax_twf

Diinota jalaa Bayiisaaf Daadimata Dhikaate

Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta akka Waaqi isa qaabatuuf faarfatante.

1Ee Waaqa na baasi;Mootii Waan Maraa kiyya na qarqaariisaaf ariifadhu.2Worri na ijjeesiisaaf barbaadu,fokkifatee jaanjuruu ti;worri na miidhiisaaf halchu,salphatee gara duubaa deebi'uu ti.3Worri, «Baga, baga!» naan jedhu,fokkifatee gara duubaa deebi'uu ti.
4Worri si barbaadu marti ammoo,si'iin gammadee firinxiixuu ti.Worri fayyisiisa keeti jaalatu marti,yennaa mara, «Waaqi gudda'a» jedhuu ti.
5Ani rakkataa hiyyeessa;Ee Waaqa, ariifadhuu gara kiyya koy;Ee Mootii Waan Maraa kiyyaati qarqaara'aa fi fayyisaa kiyyana irraa hin turin.