Kitaaba Faaru'uu7gax_twf

Daadimata Marroo Muraa Haqaa

Faaruu Daawitii ta gaddaa, ta inni marroo Kuushii gosa Beniyaaminiitiif, gara Mootii Waan Maraa faarse.

1Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, ani gara keeti baqadha;worra na ari'u jalaa na hamburii, na baasi!2Yoo akkas hin te'in, addee nami na irraa buusuhin jirretti na geessaneeakka neenqaa gargar na kukkutan.3Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya,ani nama tokko yoo yakkee jiraadhe,harka kiyyaan dokonkora yoo hujee jiraadhe,4nama nageyaan na woliin le'u hantuu godhee,yookiin diina kiyya sababa malee yoo saamee jiraadhe,5diinni kiyya ari'ee na qabuu ti;lafa irratti na irra sirbee,ulfinna kiyya bukuu keessatti lakkisuu ti.6Ee Mootii Waan Maraa, aarii teetiin ka'i;worra mufi'iin na irratti ka'e irratti ka'i;naa dammaqii, muraa haqaa ajaji.7Kolbaan biyya adda addaaadaala keetitti wolitti qabamanuu ti.Atille ol-gubbaa irraa isaan bulchi.8Mootii Waan Maraa,kolbaa biyya adda addaa irratti muraa kenni;akka balchumma'aa fi dhugaammessummaa tiyyaatittimuraa naaf kenni.9Ee Waaqa balcha'a,ka qalbi'ii fi gadhaa nama qorqortu,hammeenna worra hamaaleyyi'ii balleessi;worra balchoolee jabeessii dhaabi.10Waaqi wontee tiyya;inni worra gadhaa qajeela'aa hin fayyisa.11Waaqi abbaa mura'aa balcha'a;Waaqi yennaa mara nama hama'atti hin aara.12Nami hamaan hammeenna ifii irraa yoo hin deebi'in,Waaqi shallaagaa ifii hin qarata;guubee ifii hujee, qopheeffata.13Inni meya woraanaa ka ijjeesuu fidaaya ifii ka akka ibiddaa bobe'u hin qopheeffata.14Kolbaan hantuun hammeenna yaaddi;daba karoorfattee,dhara dubbatti.15Nami boolla namaaf qotu,ifumaafuu keessa bu'a.16Hammeenni inni yaadate mataa isaatitti garagala;wonni inni hunnaan nama irratti hujematuma isaatitti deebiti.17Sababa balchummaa isaatiif,ani Mootii Waan Maraa hin galateessa;maqaa Mootii Waan Maraa Ol Aana'aatiiffaaruu leellisaa hin faarsa.