Kitaaba Faaru'uu69gax_twf

Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaa Dhikaate

Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta akka yoyyoma faaruu, «Daraaraa» jedhantee beekkantutti faarfatante.

1Bisaan waan morma na geyeef,Ee Waaqa na baasi!2Ani qilee caffa'aa keessa lixe;miilli kiyya waan irra dhaabbatu dhabe;ani qilee bisaanii keessa lixe;lolaan na liqinse.3Ani iyyiisaan dadhabe;laagadaan na babbaqaqe;qarqaarsa Waaqaa eeggatiisaanilti tiyya dadhadde.
4Worri sababa malee na jibbu,rifeensa mataa kiyyaa caalaa bacata;diinoti kiyya worri dharaan na himatu,ka na balleessiisaaf barbaadu heddu'u.Ani waan hin hatinade'etti deebisuu qabaa ree?5Ee Waaqa, ati gowwummaa tiyya hin beetta;yakkaan tiyya si duraa dhokattee hin jirtu.6Ee Waaqa waan mara dande'u,worri si addatu,sababa kiyyaaf hin fokkifatin.Ee Waaqa Israa'elii,worri si barbaadusababa kiyyaaf hin qaanowin.7Ani si'iif jedhee arraba ossadhe;ani si'iif jedhee fokkoo uffadhe.8Ani obboleeyyan tiyyatti orma,ilmaan haadha tiyyaatitti alagaa te'e.
9Hinaaffaan mana keetiif qabu na gudde;arrabi si arrassanu na irra bu'e.10Yennaa ani laamee bowe,isaan na arrassane.11Woyaa gaddaa yennaa uffadhe,nama ittiin mammaakanu isaaniif te'e.12Ani waan worri addee yaa'ii tee'u ittiin mammaaku te'e;worri machowulle marroo tiyya sirba.
13Ee Mootii Waan Maraa,yennaa si biratti fudhatama qadduttiani gara keeti daadimadha;ee Waaqa jaalala keeti ka bara baraatiin,fayyisiisa keeti ka dhuga'aatiin,deebii naaf kenni.14Dhoqqee keessa lixiisa irraa na hamburi;diinota kiyya jalaa,qilee bisaanii keessaa na baasi.15Lolaan na fudhatee hin deemin;yookiin qileen na hin liqinsin;yookiin boolli na irratti hin cufamin.16Ee Mootii Waan Maraa,jaalalli keeti ka bara baraa dansaa waan te'eef,deebii naaf kenni;marartii teeti guddo'oon gara kiyya deebi'i.17Fuula keeti ana tajaajilaa keeti duraa hin dhoffatin;ani rakkoo guddoo keessa waan jiruuf,ariifadhuu deebii naaf kenni.18Natti dhikaadhuu na wodi;dhiibbii diinota kiyyaatiif jedhii na baasi.
19Arraffamiisa kiyya, qaanowiisa kiyya,salphatiisa kiyyalle hin beetta;ati diinota kiyya mara dhaggita.20Arrabi na miidhee,anille addii kutadhe;nama naaf nayu barbaadee,ammoo dhabe.Nama na jajjabeessulle barbaadee,ammoo tokkolle hin dhagganne.21Akka nyaadhuuf hadhaa naaf kennane;dheebuu tiyyaafdaadhii woyni'ii dhangaggoottuu naaf kennane.22Qoriin isaanii fonxoroo isaanii teetuu ti;worra isaan woliin nyaatuufille tiyyoo teetuu ti.23Akka hin dhaggine,ilti isaanii dukkanoottuu ti;hidhi isaanii yennaa mara lellequu ti.24Mufii teeti isaan irratti dhangalaasi;aariin teeti ta bobeettu isaan dhaqqadduu ti.25Quttumi isaanii onuu ti;dunkaanii isaanii keessa nami hin le'in.26Isaan worra ati dhaante ari'an;marroo farra worra ati madeessitee haasowan.27Yakkaa ifii irrattiyakkaa akka dabalatanuuf isaan lakkisi;gara balchummaa teetii isaan hin fidin.28Maqaan isaaniigalmee worra jiraata'aa keessaa haqamuu ti;isaan worra balchoolee woliin hin galmeeffamin.29Ani ammoo farraa fi rakkinna guddaa keessa jira;ee Waaqa, fayyisiisi keeti ol na qabuu ti.30Ani faaru'uun maqaa Waaqaa hin leellisa;galatalle'een isa ulfeessa.31Kun korma yookiin dardaragaafaa fi qeenca qabu caalaa,Mootii Waan Maraa hin gammachiisa.32Worri cunqurfame tana dhaggee hin gammada;isin worri Waaqa barbaaddanugadhaan keessan jajjabaatuu ti;33Mootiin Waan Maraa worra rakkata'aaf hin dhage'a;kolbaa ifii worra hidhameerulle hin tuffatu.
34Ol-gubba'aa fi latti,abbaaya'aa fi wonni isii keessa munyuuqu martiisa leellisanuu ti.35Waaqi qachaa Xiyoonii hin baasa;qachoota Yihuda'aalle deebisee hin ijaara.Kolbaan isaalle achitti qubattee,lafa san hin qabatti.36Ijoolleen tajaajiltoota isaa lafa san hin dhaalti;worri maqaa isaa jaalatulle lafa san keessa hin le'a.