Kitaaba Faaru'uu67gax_twf
Faaruu Leellisaa
Faaruu takka, ta meya ribu'uutiin faarfatante, sooressa faarfattootaatiif.
1Waaqi nu mararuu ti; nulle eebbisuu ti;fuula ifii akka nu irratti ifu godhuu ti.2Achiin duuba, karaan keeti lafa duudii irratti,fayyisiis keetigosa biyya adda addaa mara oddu'utti hin beekkama.3Ee Waaqa, kolbaan si leellittuu ti;kolbaan marti si leellittuu ti.4Ati haqaan kolbaa maratti waan murtuuf,gosa biyya adda addaa waan sooressituuf,gosi biyya adda addaa gammadaan ilillittuu ti.5Ee Waaqa, kolbaan si leellittuu ti;kolbaan marti si leellittuu ti.6Latti midhaan baatteerti;Waaqi, Waaqayyoon keenna nu hin eebbisa.7Waaqi nu hin eebbisa;kolbaan lafa irraa marti isa hin sodaatti.No translations available.